Godina Kaaba Shaggar ona Jiddaatti loltoonni mootummaa pp dubartii ganna 57 kan taate fi haadha ilmaan 12 ajjeesuun barame.
Published Oct. 10, 2025, 2:33 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
godina Kaaba Shaggar ona Jiddaa ganda Gaangoo eddoo Dooyyoo jedhamutti gaafa Onkoloolessa 6,2025 loltootni mootummaa haadha ilmaan kudha lamaa, maqaan ishee Ayyaluu Asfawuu jedhamtu ilmaankeetu miseensota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun halkan walakkeessa toora sa'a 5:00tti mana isheetti itti seenuun fuudhanii erga deemanii rasaasa itti roobsanii ajjeesuun barame.
Qaamni kun erga ajjeeseen boodaas reeffa bakkeetti gatee akka deemee fi uummanni barii san fuudhanii akka awwalaan jiraattoonni madeeniif himanii jiru.
Haati kun hawwasa naannoo biratti nama kabajaa fi jaajala gudda qaban akka taranis jiraattonni maddeeniif ibsanii jiru.
Bu’aa siyaasaaf jecha haadholii Oromoo ajjeesuu, ilmaan ishee ajjeesanii reeffa irra teessisuu, hidhanii gidirsuu, mana ishee irratti gubuun qabeenya harkaa saamanii ilmaan ishee waliin mankaraarsuu, fedhii isheen ala abbaa warraa jalaa baasuun humnoota waraanaatti akka heerumtu taasisuu dabalatee gochaawwan yakka namoomaaa addaa addaa bara bulchiinsa mootummaa kanatti irratti raawwatamaa kan jiru ta'uu fi gara jabina hamaan uummata nagaarratti raawwatama akka jiru jiraattonni maddeenif ibsanii jiru.
]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]
Godina Lixa Wallaggaa Ona Baabboo Gambeelitti waraanni mootumma PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhaga'ame
Godina Lixa Wallaggaa Ona Baabboo Gambeelitti waraanni PP Onkololeessa 4,2025 dargaggoo maqaan isaa Nuuree Amad Zawudee jedhamu ganda Ambaalloo Diillatii uukkamsanii fuudhanii deemuun waajjira poolisii Ona Baabboo Gambeelitti geessuun hiraarsaa erga turanii booda ajjeesani gatuu jiraattonni himan.
Dargaggoon Kun badii ykn hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu qabaateef osoo hin taane sababa qabata maqaa wbo waliin hidhata qabdaa fi Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun ajjeefamuu jiraattonni itti dabaluun ibsanii jiru.
Mootummaan PP Waraana isaa hammeenyummaa leenjisuun golee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee dhiittaa mirgoota namoomaa hammeessuun uummanni nagaan qe'ee fi qabeenya isaa irratti badii tokko malee ajjeefama, akkasumas buqqifamaa jiraachuun goleelee oromomiyaa keessatti kan yeroo kamuu caalaa jabatee kan itti fufe ta’uu jiraattonni ni dubbatu.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate