Lola Walloo Kaabaatti dhiyeenya dabalaa dhufeen namootni du’uu fi madaa’uun gabaafame

Published Oct. 11, 2025, 1:30 p.m. by FNN Staff

650



ODUU FNN

Lolli haaran humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannooo Amaaraa gidduutti Naannoo Amaaraa, addattuu Godina Walloo Kaabatti as dhiyeenya kana  dabalaa dhufe lubbuun namootaa  galaafachuufi hedduu madeessuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) beeksise.

Dhuma ji’a Fulbaanatti haalli namoomaa daran hammaachuu kan gabaase ICRC,  “lolli akka tasaa naannichatti hammaate namoota hedduu miidhuu, loltoonni qabamuufi rakkoolee hammaatoo namoomaa biroon” kana hordofsiisuu eere.

“Guyyoota darban keessa namoonni baay’een du’an yookan madaa’an,” jedha hogganaan garee Laallibalaa ICRC Maartiin Taalmaan, iddoowwan caalman miidhaman Qulmaskiifi Mujjaa deebi’uun. “Hogeeyyiin giddugala fayyaa iddichaa loltootafi namoota nagaa madaa’an meeehaalee yaalaa xiqqoo jirtu fayyadamuun yaalaniiru.  “Namoonni booji’aman 16 akka malee waan miidhamaniif tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuuf dafanii achii ba’uu qabu ture. Lubbuu namoota shanii baraaruf yeroo muraasa qofatu jira ture” jedhe.

Lolli kun erga ka’ee Laallibalaafi Waldiyaatti, akkasumas naannawaa isaanitti dhiyeessiifi qoricha buufatoota fayyaa ja’aaf akka geessaniif torbee darbe keessa garee balaa tasaa bobbaasuu  Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) ibse.  Dhiyeessiin kun meeshaalee baqaqsanii yaaluu namoota garmalee miidhaman 250 ga’u ta’uu eere.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman