Lola Walloo Kaabaatti dhiyeenya dabalaa dhufeen namootni du’uu fi madaa’uun gabaafame

Published Oct. 11, 2025, 1:30 p.m. by FNN Staff

257



ODUU FNN

Lolli haaran humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannooo Amaaraa gidduutti Naannoo Amaaraa, addattuu Godina Walloo Kaabatti as dhiyeenya kana  dabalaa dhufe lubbuun namootaa  galaafachuufi hedduu madeessuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) beeksise.

Dhuma ji’a Fulbaanatti haalli namoomaa daran hammaachuu kan gabaase ICRC,  “lolli akka tasaa naannichatti hammaate namoota hedduu miidhuu, loltoonni qabamuufi rakkoolee hammaatoo namoomaa biroon” kana hordofsiisuu eere.

“Guyyoota darban keessa namoonni baay’een du’an yookan madaa’an,” jedha hogganaan garee Laallibalaa ICRC Maartiin Taalmaan, iddoowwan caalman miidhaman Qulmaskiifi Mujjaa deebi’uun. “Hogeeyyiin giddugala fayyaa iddichaa loltootafi namoota nagaa madaa’an meeehaalee yaalaa xiqqoo jirtu fayyadamuun yaalaniiru.  “Namoonni booji’aman 16 akka malee waan miidhamaniif tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuuf dafanii achii ba’uu qabu ture. Lubbuu namoota shanii baraaruf yeroo muraasa qofatu jira ture” jedhe.

Lolli kun erga ka’ee Laallibalaafi Waldiyaatti, akkasumas naannawaa isaanitti dhiyeessiifi qoricha buufatoota fayyaa ja’aaf akka geessaniif torbee darbe keessa garee balaa tasaa bobbaasuu  Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) ibse.  Dhiyeessiin kun meeshaalee baqaqsanii yaaluu namoota garmalee miidhaman 250 ga’u ta’uu eere.


Similar posts:

Wiixata kaleessaa halkan magaalaa guddoo Hindii Niiw Deelii naannoo Fort Fort jedhamutti boombiin konkolaataa irratti dhooheen lubbuun namoota 13 darbuu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan.

Wiixata kaleessaa halkan magaalaa guddoo Hindii Niiw Deelii naannoo Fort Fort jedhamutti boombiin konkolaataa dhooheen lubbuun namoota 13 darbuu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan.

Walta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan ijaaraaman kan 'Red Wave 8' jedhamuu fi hirmaannaa biyyoota biroo afurii qabu shaakala waraanaa galaanaa waloon eegalan.

Godinaalee Oromiyaa mara keessatti dararriin mootumma PPtiin ummatarra ga’aa jiru kan yeroo kamii caalaa jabaachuu jiraattonni dubbatan.