Maallaqni Itiyoophiyaa maallaqa laafaa Afrikaa 21 ta'an keessaa isa tokko jedhame.

Published Oct. 11, 2025, 1:54 p.m. by FNN Staff

721



ODUU FNN

Akka lakkoofsi Giriigooriyaanii bara 2025tti Biyyoota Addunyaa irraa maallaqa lafaa qaban keesaa sadarkaa 26ffaarratti argamti jedhame. 
Iraan, Libaanosiifi Zimbaabuwee
itti aansuun biyya sadarkaa ol'aanaa irra jirti, jedhameera. 

Daataan yeroo dhiyoo kana marsariitii qorannoo diinagdee XS.com jedhamu irraa bahee jira. 

Akka gabaasa kanaatti birriin Itiyoophiyaa Yamanitti aanee Heeyitiirra ammoo fooyyee qabaachuun duubaan sadarkaa 26ffaa irratti argama. 

Baankiin Addunyaas bara darbe lakkoofsa Giriigooriyaanitti Birriin Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti maallaqa dadhaboo ta’an keessaa tokko ta’uu gabaaseera. 

Dhaabbanni maallaqaa idil-addunyaa sharafni maallaqaa baase akka beeysisetti, sharafni maallaqaa tokkoon tokkoon biyyaa doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee ilaalamu irratti hundaa’a. 

Kana jechuun birriin meeshaalee fi tajaajiloota bitachuu keessatti maallaqa cimaa ta’een wal bira qabamee yoo ilaalamu gatii baay’ee gadi aanaa qaba, akkasumas wantoota biroo lama kan biyyattiin diinagdee tasgabbaa’aa fi cimaa ta’e dhabuu isii calaqqisiisu. 

Tasgabbii dhabuu diinagdee dabalatee sababoonni gatii birri Itiyoophiyaa gadi bu’uu danda’an hedduudha. 

Mootummaan amma jiru dinagdee tasgabbeessuu fi qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf imaammataa fi qajeelfama adda addaa hojiirra oolchuus bu'aa barbaadame galmaan gahuu kan danda'e hin fakkaatu. 

Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa piroofeesara faayinaansii fi invastimantii Dr. Sewu Alle Abate DeChovelee'tti akka himanitti, fooyya'iinsi imaammataa mootummaan hojiirra oolchaa jiru humna bittaa maallaqaa qusachuuf gahaa miti. 

Mootummaan gahee adda duree bahaa jiraatus, nuhi akka hawaasaatti gahee keenna bahachuu baannaan, oomisha biyya keessaas babal’isuu baannaan furmaanni itti fufiinsa qabu hin jiru jedhan. 

Mootummaa fi hawaasni humna bittaa maallaqaa Itiyoophiyaa keessatti dabaluudhaaf tarkaanfii murteessaa yoo hin fudhanne tasgabbii dhabuu faayinaansii dhabamsiisuun akka hin danda’amne dubbataniiru.


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate