Suudaanitti haleellaa kaampii buqqaatotaa irratti raawwateen daa'imman 17 du'uun himame.

Published Oct. 13, 2025, 3:02 p.m. by FNN Staff

740



ODUU FNN

Suudaanitti haleellaa kaampii namoota sababa lola naannichatti taasifamaa jiruun buqqa'an irratti taasifameen lubbuun daa'imman 17 darbuun, daa'imman 21 miidhamuu UNICEF’fif gabaafamuu miidiyaaleen garagaraa eeran. 

Akka gabaasa miidiyaalee kanaatti, gareen Ebla 2023 kaasee Humnoota Waraanaa  Suudaan lolaa ture,  ‘Rapid Suport Forces RSF’  haleellaa Sambata darbe taasiseen namoonni haga 60 ta’an du’aniiru. 

Lolli kunis gaaga’ama mirgoota namoomaa uumun namoonni miiliyoona 10niin lakkaa’aman beela hamaa keessa akka galan taasiseera.

“Haleellaan hamaan daa’immanii fi maatii duraanuu buqqa’anii nageenna barbaadan irratti raawwatame kun gara jabummaa guddaadha,” jedhan Kaatiriin Raasil, Daarektarri Ol'aanaa UNICEF.  

“Daa’imman ajjeesuu fi madeessuun mirga isaanii hammeenyumman sarbuu yoo ta’u, haleellaan namoota nagaa irratti iddoo quubsumaa, bakkeewwan nageennaafi dahoo quubsuma godaantotaa kennuuf yaadamanitti, raawwatamus sababa kan hin qabneedha.”

El Fasheer guyyoota 500 oliif humnoota RSF’n marfamee kan jiru yoo ta’u, sochii, nyaata, bishaanii fi kunuunsa fayyaa akka hin arganne daangesseera. 

Daa’imman baay’ee dabalatee lammiileen nagaa irra deddeebiin haleellaaf saaxilamuun, haalli jireennaa isaanii itti hammaataa dhufeera. 

Kaaba Daarfuur keessatti naannoleen hedduun ji’ootaaf beelaaf kan saaxilamaa  jiran yoo  ta’u, haalli wabii nyaataa fi soorata daa’immanii bulchiinsa kanaa sadarkaa yaaddessaa irra ga’eera. 

Maatiin nyaata garmalee xiqqaadhaan kan jiraatan yoo ta’u, hanqinni nyaataa  daa’imman biratti baay’ee dabalaa jira. 

Dhaabbileen fayyaa akka gabaasanitti, du’i daa’immanii ittifamuu danda’u kan beelaafi dhukkuba waliin walqabatee dhufu dabalaa jira. 

Daandiiwwan dhiyeessiif oolan addaan cituu, konkolaattonni qarqaarsaa saamamuufi qarqaarsi namoomaa dhoorgamuun, carraaqqii qarqaarsaa taasifamaa jiru akka itti hin fufne taasisuun qormaata ta’uu ibsame.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman