Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame
Published Oct. 17, 2025, 2:45 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame.
Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate sheekii Hasiinaa murtee du'aan akka adabamtu abbootiin alangaa gaafatan.
Abbootiin alangaa Baangilaadesh MM duraanii biyyattii Sheekii Hasiinaa yakka fincila aangoo irraa ishee buuse irratti hojjetteef murtiin du'aa akka irratti murtaa'u gaafatamuu midiyaaleen gurguddoon addunyaa beeksisan.
Akka gabaasa kanaatti fincila barattootaa guddaatu Sheekii Hasiinaa aangoo irraa buuse. Yeroo sana barattoonni ajjeefamuu fi hidhamuun mootummaa isheen gaggeeffamaa ture.
Hasinaan fincilli hammaannaan gara Hinditti baqatte. Yakka namoomaa hojjechuun himatamtee ammayyuu qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Humnoonni nageenyaa finciltoota irratti ''meeshaa waraanaa'' akka fayadaman ajajjeetti jedhamuun himatamtee kan turte taatuus isheen himata kana haalteetti. Fincilicha irratti namoonni gara 1,400 tahan ajjeefamaniiru.
Fincilichi bulchiinsa Hasiinaa waggaa 15 turetti xumura godhe kan ture yoo ta'u, erga waraanaan bara 1971 bilisummaa ishee argattee as fincila hamaa akaksii keessummeesitee hin beektu.
Hogganaan abbootii alangaa Tajul Islaam, Hasiinaan murtee du'aa 1,400 tahuun adabamuu qabdi jechuun kan gaafatan ta'uus haga yoonaa kan hin murtaa'iin ta'uun ni beekkama.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate