Mormii qeerroo Madakaaskar booda qondaalli waraanaa pirezidantii ta'uun kakuu seene

Published Oct. 17, 2025, 2:27 p.m. by FNN Staff

627



ODUU FNN

Mormii qeerroo mootummaa Madakaaskar diigsise booda qondaalli waraanaa biyyattii Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa pirezidantii ta'uun kakuu seenan.

Pirezidantiin Madagaaskar mormii qeerroo torbanootaaf ture booda biyyaa baqachuun dhokatan. Ergasii paarlaamaan biyyattii sagalee kennuun aangoorraa kaase.

Mormitoonni biyyattii rakkoo mudateef mootummaan itti gaafatamummaa akka fudhatu gaafataa turan.

''Guyyaan har'aa seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa murteessaadha. Guyyaa boqonnaa haaraa itti jalqabnu,'' jedhan pirezidantii haaraan kun.

Gabaasi AFP akka mul'isutti pirezidantii haaraan kun qeerroowwan biyyattii jijjiiraman fedhan galateeffataniiru.

Biyyattiin amma ce'umsarra kan jirtu yoo ta'u, qaawwaan siyaasaa fi seeraa mudateera. Kun ammoo Kol Randiriyaaniriinaaf qormaata guddaadha.

Hiriirri mormii biyyattii keessatti ji'a darbe eegale jalqaba qeerroodhaan durfamaa ture. Maqaa Gen Z Mada jedhamuunis beekama.

Maayikil humna waraanaa Maadagaaskaar keessatti hogganaa garee waraana gahuumsa addaa qabuu "elite unite" jedhamuu yoo ta'u, Sambata darbe, Onkoloolessa 11, garee waraanaasaa qabachuun dargaggoota mootummaa mormuuf bahanitti dabalame.

Qeerroo Madagaaskaar pirezidaantiin biyyattii aangorraa akka bu'uuf gaafataa turan gaaffiisaanii sirrii ta'uufi gareen waraanaa inni hogganu qeerroo duuka jiraachuu ibse.

Namoota magaalaa guddoo Madagaaskaar kan taate Antananaarivootti mootummaa mormuun hiriira bahan gidduutti waraanasaa qabatee argame.

mootummaan ce'umsaa kun waggaa lamaaf kan turu yoo ta'u hagasiitti biyyattii kan bulchus Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa pirezidantii biyyatti ta'uun itti kan fufan ta'uun beekkamee jira.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman