Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.
Published Oct. 22, 2025, 3:23 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.
Hojjettoonni Siivilii fi waraanaa dhaabbata Aviyeeshinii Dajan ogummaa isaanitiin hojjetan loogii hamaan nurratti raawatamaa jiraa jedhan.
Akka hojattoonni dhaabbatichaa maddeeniif yaada kennanitt osoo nuti ogummaa keenyaan dirqama ogummaa keenyaa ba'annee hojachaa jirruu nu hojiirraa nu ugguranii lammiilee biyyoota alaa qofaaf carraa hojii kennaa jiraachuu dubbatan.
Dhaabbanni Aviyeeshinii Dajan (DAVI) hojii suphaa xiyyaara waraanaa gosoota garaa garaa namoota ogummaa adda addaa qabaniin hojii aviyeeshinii geggeessaa ture. Haa ta'u malee mootummaan PP naamusa hojii fi hojjetaa hin kabajne adeemsa seeraa tokko malee fi labsii tokko malee mirga hojjettoota dhaabbata Aviyeeshinii Dajan hojii isaanirraa ugguruun lammiilee biyya alaa qofaaf heyyamuun hojattoota kana hojiirraa dhaabuun rakkoof saaxilamaa jiraachuu hojattoonni maddeeniif himan.
Dhaabbatichi dhufaatii sirna PP dura haala baratamaa dambii ba'een hojjechaa kan turee fi biyyoota kannen akka Afrikaa Kibbaa, Moozaambikii, akkasumas Yukreen waliin hojjettoonni dhaabbatichaa hariiroo gaarii kan qabaachaa turan ta'uu odeessi hojattootarraa arganne ni ifoomsa.
Dhaabbatichi kanaan dura biyyoottaan olii kana waliin hariiroo gaarii hojii fi hojjetaa qabaachuun waliin hojjatanii galii bu'a qabeessa dhaabbatichaa fi miindaa madaalawaa ta'e argachaa kan turan ta'u, namoonni nageenyummaa isaaniif maqaan akka eeramu hin barbaanne maddeeniif himanii jiru.
Dhaabbatichi tajaajila hojiilee suphiinsa xiyyaara gosa garaa garaa kan baallee sochootuu 'rotary wing' fi baallee dhaabbataa 'fixed wing' kanneen akka helikooptera lolaa "bomber' fi kan geejjiba waraanaa, L-39 'bomber', mi -8 fi mi -17, Antonov, mig -21, mig-23 diroonii fi SU-27 kan dhaabbata Humna Qilleensaa mootummaa PP keessatti kan argamu hojjettoonni ogummaa Injiinaringii Elektirikaalii fi Mekaanikaalii akkasumas electirooniksii fi kanneen biroo irratti kan hojjetaa turan yoo ta'u, haalli kun amma guutummaatti jijjiiramee carraan hojii lammiilee biyya alaa kanneen akka Chaayinaa, biyyoota Arabaa akka Beelaarus fi Turkii bakka isaanii buusuudn dhalattoonni biyya keessaa guutummaatti ari'amuu himan.
Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.