Balaa tiraafikaa Boosatitti mudateen namootni sagal du’an; kanneen keessaa torba ogeeyyii fayyaati

Published Oct. 23, 2025, 2:30 p.m. by FNN Staff

440



ODUU FNN

 Balaa tiraafikaa Godina Shawaa Bahaa Ona Boosatitti mudateen namoonni sagal du’uu qajeelchi poolisii Ona beeksise. 

Iinispaktar Olaanaa Silashii Bayii; Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Ona Boosat, balaan kun Onkoloolessa 22, 2025 halkan Ona Boosat naannoo saatii sagaliitti dhaqqabuu maddeeniif himanii, konkolaataan geejjiba uummataa Adaamaa ka’ee gara Matahaaraa imalaa ture konkolaataa fe’umsaa Isuuzuun walitti kiphee bu’uun lubbuu namoota kanaa galaafachuu mirkaneessan. 

Balaa kanaan imaltoonni afur battaluma bakka balaan kun dhaqqabetti yoo du’an, afur gara Hospitaala Boosat geeffamanii du’uu fi nami tokkos yaalaaf gara Adaamaatti ergamee achumatti du’uu Iinispektar Olaanaa Silashiin dubbataniiru. 

Namootni sadii dabalata balaa kanaan miidhamuu kan himan  Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Ona Boosat, isaanis amma magaalaa Oolancitiitti kan argamu Hospitaala Boosatitti yaalamaa akka jirani himamee jira. 

Iinispaktar Olaanaa Silashii Bayii, ka’umsi balaa kanaa konkolaachisaan ariitii hin malleen konkolaachisuu ta’uu ibsanii, keessumaa imala halkan yeroo akkasii taasisuunis balaa lubbuu namoota hagasii galaafate kanaaf ka’umsa ta’uu ibsaniiru. 

Balaa tiraafikaa kanaan kan lubbuun isaanii darbe namoota sagal keessaa namoonni torba ogeeyyii fayyaa Godina Arsiirraa qormaata barnoota fooyyeffannaa Yuunivarsitii Haramaayaatti fudhachuuf imalaa turan ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera. 

Ogeeyyiin kun ogummaa isaaniin hawaasa tajaajilaa turan erga jedheen booda gadda itti dhagaahame kan ibse Biiroon Fayyaa Oromiyaa firoottanii fi maatii ogeeyyii fayyaa kanaaf jajjabina hawwee jira. 

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise