Gabaastonni Dooche Veelee kan dhaabbata oduu Jarman ta'e hojiirraa ugguramuun barame.

Published Oct. 23, 2025, 7:54 p.m. by FNN Staff

525



ODUU FNN

Naannolee Itiyoophiyaa bakka gara garaarraa dhaabbata oduu Jarman kan ta’e Dooche Veeleef kan gabaasan gaazexeessitoonni, akka hojii gabaasaa hin hojjenne dhoorgamuu isaanii dhaabbatichi ibse. 

Dhaabbanni Oduu Dooche Veelee har'a galgala Fuula Miidiyaa hawaasaa isaatiin “Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa xalayaa barreesseen, Dooche Veelee fi Odugabaastonni isaa seera Itiyoophiyaa sarbaniiru, naamusa hojichi gaafatus hin kabajne jechuun himateera” jechuun ibse. 

Dhaabbanni Miidiyaa kun ibsa isaatiin, “Oduu gabaastota isaa Itiyoophiyaa keessa jiraniin bara 1980 kaasee dhimmoota siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, akkasumas kan Gamtaa Afrikaa dabalatee, dhaabbilee Itiyoophiyaa keessa, kan naannoo, kan Ardii Afrikaa fi Idila addunyaa kan ilaallatan gabaasawwan hordoffii gabaasaa ture” jechuun eere. 

“Bara 2010 kaasee ammoo lakkoofsa odu gabaastota isaa guddisuudhaan Maqalee, Baahirdaar, Dasee, Finfinnee, Hawaasaa, Dirre Dhawaa fi Asoosaatti kan argaman Odu gabaastota isaa sagal ta’aniin ragaawwan walitti qabuun, oduu gama lamaan madaallii qabuu fi kan dhiibbaa qaama kamiirraayyuu bilisa ta’e, gabaasuun ummata Itiyoophiyaa biraan gahaa akka ture” ibseera. 

Haa ta’u malee “Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa xalayaa Guyyaa har'aa barreesseen, Dooche Veelee fi bakka buutonni isaa seera Itiyoophiyaa sarbanii jiran, naamusa hojii gaazexeessummaas hin kabajan, jechuun qeeqeera” jechuun ibsichi ifoomseera. 

Kana waan ta’eef “har'aa kaasee oduu gabaastonni dhaabbatichaa Itiyoophiyaa jiran eyyamni hojii isaanii yeroof ugguramuu ibsee, abbaan taayitichaa uggara yeroo jechuun kan ibse hagamiif akka turu wanti ibsame hin jiru" jechuun dabalee eereera.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame