Keeniyaan murtee galmee koolu - galtoota Itoophiyaa fi Eertiraa irratti dabarsiterratti ibsa kennite

Published Oct. 24, 2025, 2:09 p.m. by FNN Staff

580



ODUU FNN

Keeniyaan iyyata koolu galtummaa lammilee Itoophiyaa fi Eertiraa tokko tokkoon akka ilaaltu beeksifte. Kunis murtee galmee himataa koolu galtootaa lammilee Itoophiyaa fi Eertiraa  ilaalchisuun waxabajjii darbe murteessite ibsa kenname ta’uun ibsameera. 

Komishinarri Dhimma Baqattootaa Keeniyaa kan himata Mana Murtii Ol’aanaatti dhiyaateef deebii  kennan, galmeen koolu galtoota kanneen dubartoota, daa’imman, qaama miidhamtootaa fi namoota miidhaan qaamaa irra ga’eef dhimma isaanii addatti ilaaluuf akka jiru himani. 

Bakka bu’aan Komishinarri Dhimma Baqattootaa Meersii  Muwaasaaruu, dhimmoonni ilaalamaa jiran qajeelfama seera idil-addunyaatiin kan mirkana’aan ta’uu,  namni tokko biyya itti miidhaan irraa gahee , biyya ari’atamee, dararaamee, ykn miidhaa cimaa biroo isaan mudatutti akka hin deebisne seerii idila-addunyaa akka dhorku  ibsuun,kanas seera kana akka kabajan  mirkaneessaniru.

Itti dabaluudhaanis, qajeelfamni kun Adooleessa 31, erga bahee booda, biyyoota lamaan irraa iyyannoowwan 100 ol eeyyama argachuu ibsaniru.

Dhaabbileen miti mootummaa hedduun garuu  murtee kana mormanii jiru. Sababani qajeelfama kuni mirga baqattootaa fi koolu galtootaa sarbaa jira jedhan.

Ergasii Manni Murtii Olaanaa ajaja mootummaan galmee koolu galtoota biyyoota kanneenii akka hin dhaabne dhorku baase.

Dhaabbileen kunneen qajeelfamni kun tumaalee seeraa kamiyyuu kan hin hundofne, amanamummaa badaa akn of keessaa qabu , akkasumas aangoo seeraan eyyamame kan sarmu ta’uu ibsan.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.