Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Published May 17, 2026, 3:54 p.m. by FNN Staff

500



ODUU FNN

 Ministiroonni dhimma alaa biyyoottan gamtaa Biriiksi  (BRICS) walga’ii guyyoota lamaaf Niwuu Deelhiitti taasisan caamsaa 15 irratti ibsa ejjennoo waliinii (joint communiqué) osoo hin baasin gargar faffaca’an; kunis miseensota gidduutti waraana #USA fi #Israa’il Iraan irratti bananiifi dhimma muddama Giddu-galeessa Bahaa ilaalchisee garaagarummaan jiru bal’inaa fi gad-fagoo ta’uusaa kan saaxilu ta’eera.

Kana mannaa, biyyi wal gahii kana keessummeessite Hindii, “Ibsa Dura-ta’aa fi Sanada Bu’aa Walga’ii” kan jedhu kan baaste yoo ta’u, sanadichis “miseensota tokko tokko gidduu ilaalchi adda addaa jiraachuun” haala dhimma Iisiyaa Lixaa  (West Asia) fi Giddu-galeessa Bahaa irratti waliigalteerra akka hin gahamne gochuu isaa amaneera.

GabaasiRooyitars (Reuters) fi Aljaziiraa (Al Jazeera) akka ibsanitti, waldhabdeen kun waraana deemaa jiru ilaalchisee jechoota fayyadamamuuf deeggaraman irratti garaagarummaa Iraan fi Imireetota Araba Gamtoomanii (UAE) gidduu ture irratti xiyyeeffata.

Akka gabaasni jedhutti, Iraan gamtaan BRICS tarkaanfii waraanaa US fi Israa’il fudhatan cimsee akka balaaleffatu kan dhiibde yoo ta’u, dabalataanis UAE tarkaanfii Tehraan irratti fudhatamu keessaa harka qabdi jechuun dhimmitee himatteetti. UAE n immoo himannaa kana kan haalte yoo ta’u, qooda ishee kan qeeqan jechoota ibsicha keessa galchuuf dhiyaatan mormuun ishee, mareen ibsa ejjennoo tokkoome baasuuf taasifamaa ture akka fashalaa’u gochuuf qooda guddaa fudhateera.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii (Abbas Araghchi) walga’ichaan booda akka jedhanitti, miseensi BRICS tokko kutaalee ibsa dhiyaate keessaa tokko tokko uggureera; ta’us maqaa UAE bilisaan hin dhoofne.

Garaagarummaan kun jiraatuyyuu, miseensonni gamtichaa dhimmoota biraa dabalata dhibba keessaa dhimmoota hedduu, kanneen akka tumsa diinagdee fi fooyya’iinsa dhimmoota gamta-damee (multilateral reform) irratti waliigaltee irra gahuun isaanii gabaafameera. Ibsi dura-ta’aa Hindii marii, abbaa biyyummaa, nagaa galaanaa, fi eegumsa siiviilii ilee bu’uraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhimma wal-dhabdee naannichaa irratti qaama kanaa fi sana jedhanii kallattiin ballaa irra kaa’uu irraa of qusataniiru.

Bu’aan kun erga bulukichi babal’atee as, walga’ii ministiroota dhimma alaa BRICS kan walitti aanu yoo ta’u, waliigaltee malee kan xumurame isa lammaffaa dha. Eebila 2025 keessas, walga’iin Ri’o dee Jaaneeroo keessatti dura-ta’ummaa Biraaziiliin gaggeeffame, fooyya’iinsa Mana Maree Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi bakka bu’ummaa miseensota haaraa dabalatan (kanneen akka Itoophiyaa, Gibxii, Iraan fi UAE) ilaalchisee wal-dhabdee uumameen ibsa waliinii osoo hin baasin fashalaa’uun isaa ni yaadatama.


Similar posts:

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.

Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.