Balaa Hagayya 3/2025 Bidiruu godaantota feetee deemaa turterra qaqqabeen namni 90 du'uun gabaafame.
Published Oct. 27, 2025, 2:39 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Akka gabaasni baye ibsutti bidiruun nama 200 ol feetee imalaa turte qarqara galaana edan irratti dhidhimuun lubbuun namoota 90 olii kan galaafataman yoo ta'u, baqattoonni kunniin hundi isaanii kaaba Itiyoophiyaa Tigraay irraa kan dhufan ta'uus maddeen eeranii jiru. Viidiyoon gabaabaan toora interneetii irratti ba'e reeffa isaanii yeroo qarqara galaanaatti dhiqaman agarsiisa jedhame, Uffataa fi faaya isaanii irraa, naannoo kibba Tigraay Raayaa irraa akka dhufan ni mul'isa.
Bara 2020 hanga 2022 gidduutti lola hamaa kanaan dura muuddateen namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman du’uun kan yaadatamuudha.
Amma waldhabdeen #Itoophiyaa fi #Ertiraa jidduutti hammaataa dhufuun, Tigraay keessaa murnoonni adda addaa ammas lolaaf qophii taasisaa jiru. Waldhabdeen biraa waan hin oolle fakkaata.
Similar posts:
GABAASA TORBAN KANAA
Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan