Dhaabbati Saa’udii buufata Taajuraa waggaa 30 bulchuuf walii galtee mallatteesse
Published Oct. 27, 2025, 1:22 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbati daldalaa Saa’udii Arabiyaa Reed Sii Wiingeetis (Red Sea Wingates) jedhamu buufata doonii Taajuraa waggoottan soddomman dhufan bulchuuf Abbaa Taayitaa Buufataa fi Naannolee Qaraxa irraa Bilisaa Jibuutii waliin walii galtee mallatteesse.
Akka marsariitiin odeeffannoo Maariitaayim Egziikiyutiiv gabaasetti, walii galteen kun erga biyyooti lameen Bitootessa 2025 dhimmoota sochii galaanarraa fi loojistiikiirratti walii galtee taasisan hordofee ta’uun ibsameera.
Gama biraan walii galteen kun kaayyoo tajaajila geejjiba gama hundaa Kaaba Jibuutii fi Itoophiyaa jidduu baballisuu waliinis yaada wal simu kan qabudha jedhameera.
Fakkeenyaaf torbee darbe Koorporeeshiniin Baaburaa Itoophiyaa daandii baaburaa sararoota akka Taajuraa, Asab, fi Mitsuwwaan wal qunnamsiisu ijaaruuf pirojaktii Doolaara Biiliyoona 1.5 ifa gochuun isaa ni yaadatama.
Buufatawwan kunneen naannolee kaaba Itoophiyaa kan jiran yoo ta’an, naannolee albuudi pootaashii keessaa bahuu fi dhaabbilee omisha alatti erguuf kaayyeffatanii hojjetaniifis carraa harkisu uumeera jedhameera.
Bara 2017 kan ijaarame buufati doonii Taajuraa, kaayyoo buufata bu’uraalee misoomaa kaaba Jibuutii baballisuu jalatti buufata doonii ijaaramedha.
Buufanni Doonii kun omisha Pootaashii Affaar keessaa baafamuu fi al ergii horii dhaabbii Itoophiyaa kan keessummeessudha.
Waliigalteen dhaabbata Saa’udii walin Taajuraa bulchuuf taasifames, naannochatti buufata Taajuraa kana filatamaa taasisuuf akka ta’es gabaafameera.
Waggoota shanan dhufan kanattis humni fe’iisa kuusuu buufatichaa toonii miiliyoona dhibba shan gaha kan jedhame yoo ta’u, kunis daldala alaa Itoophiyaaf mishaa ta’uutu ibsame.
Dabalataanis gahee Jibuutiin daldala gaanfa Afriikaa keessatti qabdullee ni dabala jedhamee jira.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise