Liqaan Itoophiyaarra jiru walii galaan biliyoona 23 hin caalu jedhan ministeerri Itoophiyaa Abiyyi Ahamad.

Published Oct. 28, 2025, 12:27 p.m. by FNN Staff

696



ODUU FNN
 
Liqaan waliigalaa  Itoophiyaarra jiru doolaara biiliyoona 23 hin caalu, biyyattiin liqaa irra jiru kaffaluuf rakkoo homayyuu hinqabdu” - Abiy Ahimad 
 
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) gaafilee miseensota mana mareerraa dhiyaataniif deebii kennaniin, Waliigalaan liqaan Itoophiyaarra jiru doolaaraa biliyoona 23 ta’uu himuun, kanas ofirraa kaffaluuf rakkoon tokkoyyuu akka hin jiraanne ibsan.
 
Mariin liqaa Yuurooboondii ilaalchisee taasifamaa ture waliigalteen irra akka hinga'amne mirkaneessuun, kunis liqeessitoonni dinagdeenifi alergiin keessan saffisaan guddachaa jira waan ta’eef liqaa isinirra jiru kaffaluu dandeessu jechuun waliigalticha raawwachuu dhiisu dubbate. 
 
Idaan doolaara biiliyoona afurii haga 4.5 ta’u yeroon itti kaffalamu akka dheeratu taasifamuu himuun, jijjiirama biyyaalessaa waliin walqabatee mootummaan liqii daldalaa doolaara tokkollee hin fudhanne jedhan. 
 
“Itoophiyaan idaa keessatti argamti kan jedhu sirriidha” jechuun,garuu  birqabaafi lakkoofsaan yoo ilaalame biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban liqaa Itoophiyaa “dachaa heddu caalu” akka ofirraa qaban himan.
itoophiyaan idaa liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuun, baankileen addunyaa himata seeraa irratti banuuf akka jiran gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan