Kibba baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa ona Shirkaa keessatti loltoonni mootumma namoota 14 ajjeesuun dhaga’ame

Published Oct. 29, 2025, 3:37 p.m. by FNN Staff

587



ODUU FNN

Mootummaan abbaa irree kan naasuu namaa takkallee hin qabne goleelee Oromiyaa mara keessatti namoota nagaa maqaa qabata Waraana Bilisumma Oromoo qabduutiin Ajjeesaa, Qabeenya saamaa, Mana irratti gubaa, Mana hidhaatti guuree dararaa kan ture fi yeroo ammaa kanas kan yeroo kamii caalaa jabaatee kan itti fufe ta’uun kan beekkamuudha.

Haaluma Kanaan Kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa ona Shirkaa Araddaa Noonnoo Jaawwii jedhamu keessatti Onkololeessa 28/2025 loltoonni sirna pp namoota nagaa 14 jjeessuun baramee jira.

Onicha kana keessatti yeroo hedduu irra deddeebiin gochi wal fakkataan raawwatamaa kan ture yoo ta’u, humnoonni nageenya mootummaa kun ummata nagaa nama 14 bakka tokkotti ajjeesuu maddeen keenya achii nuuf himanii jiru.

Godinuma kana Arsii Bahaa Ona Shanan Kooluu ganda Laaftoo- Rifeensoo jedhamu keessatti loltoonni mootummaa maanguddoo ganna 65 tokko ajjeesuun kan beekkame ta’uus maddeen gabaasanii jiru.

Maanguddoo maqaan isaa Sheek Ahimed Muummee Aliyyii jedhamu badii tokko malee qabuun magaalaa Onichaatti geessanii hidhuun, ji'a tokkoo oliif hiraarsaa erga turanii booda Onkololeessa 25,2025 halkan mana hidhaa irraa baasuun ganda Laaftoo- Rifeensootti deebisanii ajjeesuu jiraattonni maddeenkeenyaaf himanii jiru.

Maanguddoon kun umriin isaanii ganna 65 ta'uu fi abbaa ijoollee 10 akka ta'e jiraattotni himuun, nama hawaasa keessatti jaalatamaa, kabaja ol-aanaa kan qabu, akkasumas amantii isaa jabeeffachuu fi ijoollee isaa guddifachuu malee yakka isa ajjeesisu kan hin qabne ta’uu jiraattonni hiamni jiru.

Haalli onicha keessa jiru hedduu kan ulfaatu fi namoota hedduu ukkamsanii mana hidhaatti giuuraa kan jiraniidha jedhan. Inumaayyuu mooraa hidhaa sana keessatti ilmaan dhiiraa akka isaan ilmoo hin arganne kolaasuu fi dubartootas gadameessa isaanii irratti miidhaa geessisaa akka jiran odeessi argame ni addeessa.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise