TPLF walii galteen nagaa Pretoria “Yeroo kamuu caalaa Sodaa hamaa keessa jiraachuu beeksise.

Published Oct. 31, 2025, 1:25 p.m. by FNN Staff

526



ODUU FNN

TPLF walii galtee nagaa #Pretoria “Yeroo kamuu caalaa Sodaa hamaa keessa jiraachuu  beeksise.
 Addi Bilisummaa Uummata #Tigraay (TPLF) mootummaan Itiyoophiyaa Waliigaltee Nageenya Piriitooriyaa cabsuu fi diiguu himachuun, waliigaltichi “yeroo kamiyyuu caalaa balaa hamaa keessa jira” jechuun akeekkachiise.
 TPLF ibsa Kamisa kaleessaa baaseen, mootummaan federaalaa waraanni Tigraay xumuruuf Adoolessa bara 2022 mallattaa’e keessatti tumaalee ijoo hojiirra oolchuu dadhabuu isaa ibseera.  Gareen kun humnoota kutaalee Tigraay dhuunfachuu itti fufan hidhachiisuu fi deeggaruun akkasumas jiraattota qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka deebi’an gufachiisuun “motummaan Itiyoophiyaa waliigaltee kana hiika akka hin qabne gochuuf hojjechaa tureera” jechuun himate.
 Haasaa MM Abiy Ahimad tibbana paarlaamaa keessatti taasisan eeruun, wayyaaneen waraana kana “waldhabdee ji’a lamaa” jechuun amala godhachuun “duuguugiinsa sanyii waggaa shaniif Tigraay keessatti raawwatame xiqqeesse jechuun komachuu ibsa kana keesaatti ifoomsee jira.
 Ibsichi akka jedhetti dubbiin kun “hammam du’aa fi gidiraa ummata Tigraay irratti qoosaa akka jiruu fi gaaga’ama darbeef hammam akka hin gaabbiin kan agarsiisudha” jedhe.
 TPLF dabalataan muummichi ministeeraa buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti deebi’uu caalaa rifarandamii dursa kennuu isaanii himattee, mootummaan “lafaa fi ummata Tigraay dimogiraafiidhaan jijjiiruuf” hojjechaa jira jechuun himatteetti.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame