Baankiin Addunyaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti qaalayiinsi dabaluu akka danda’u akeeke

Published Oct. 7, 2025, 12:18 p.m. by FNN Staff

697



ODUU FNN

Diinagdeen biyyoota Afrikaa kanneen Sahaaraa gadii bara kana keessa 3.8  % saffisaan guddachuuf kan eegamu yoo ta’u, kunis  gatii tasgabbaa’aa kan qaamolee imaammata baasan siyaasaa maallaqaa tasgabbeessuuf jalqaban irraa kan madde ta’u  Baankiin Addunyaa Kibxata har’a ibseera. Waggoota lamaan dhufan keessattis sochiin kun ni dabala jedhamee eegama.

Baatii Eblaa keesssa guddinni  3.5 % ture sharafa alaa fi qaala’iinsa jireenyaa biyyoota akka Itoophiyaa keessatti tasgabbeessuun, kuufama dhala hir’isuuf kan ooluu  ta’uu baankichi gabaasa Afrikaa Puulsii jedhamu kan waggaa lamaa keessatti yeroo tokko baaseen ifoomseera.

''Haalli mijataan kun itti fayyadama dhuunfaa fi invastimantii dandamachiisuuf haala mijaataa uummaa jira,'' jechuun baankichi gabaasa isaa keessatti ibseera. Haa ta’u malee, tattaaffiin walitti makamuu faayinaansii dinagdee tokko tokko keessatti mul'atu saffisa dandamachuu to’achuu akka danda’u gabaasichi akeekkachiiseera.

Waggoota lamaan dhufan keessatti guddinni waggaatti giddu galeessaan 4.4 %n akka dabalu baankichi ibseera. Kunis tilmaama jalqabaa 4.3 % ture irraa xiqqoo kan fooyyeessuu ta’u gabaasichi eerera.

Baankichi tilmaama guddinaa biyyoota kanneen akka Itoophiyaa, Naayijeeriyaa fi Ivoory koast  dinagdee gurguddoo naannichaa hundaa fooyyessen, galiin qabatamaan bara kanaa fi waggoota lamaan dhufanitti saffisaan guddachaa akka jiru Baankiin Addunyaa beeksiseera.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman