Itoophiyaan, Ertiraa fi TPLF himatte.
Published Oct. 7, 2025, 6:14 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ertiraa fi TPLF waliin ta’uun waraana narratti banuuf jechuun Etoophiyaan himata banuu beeksifte.
Haleellaa dhiheenya kana naannoo Amaaraa magaalaa Woldiyaa irratti hirmaachuu ragaa argadhee jira kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, mootummaan Eertiraa fi Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) waliin ta’uun “waraana Itoophiyaa irratti waraana gaggeessan jechuun himate.
lamaan isaanii gamtaa haaraa “Tsimdo” jedhamu jalatti waliin hojjachaa jiru jechuun kan himate yoo ta'u Ministeerichi, lamaan isaanii haleellaa tibbana milishaa Faanoo Woldiyaa qabachuuf kaayyeffate keessatti hirmaachuu isaaniis hima.
Xalayaa Onkoloolessa 2 bara 2025 Barreessaa Muummicha #UN António Guterref Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Timothewos barreessaniin “waliigaltee mootummaa Eertiraa fi murna TPLF ciccimoo jidduu ji’oota muraasa darban keessatti caalaatti mul’ateera” jedhan. Gamtaan kun “Itoophiyaa irratti waraana banuuf dammaqinaan qophaa’aa akka jiru kan mirkaneesse yoo ta’u, qooda fudhattoonni lamaan “gareewwan hidhatan kan akka #Fanoo gara waldhabdee kanaa bal’isuuf maallaqa kennuu, sochoosuu, fi qajeelchu jechuun himate.
Akka xalayaan kun ibsutti mootummaan Eertiraa fi TPLF haleellaa tibbana milishaa Faanoo magaalaa guddittii Naannoo #Amaaraa Woldiyaa dhuunfachuuf kaayyeffate keessatti hirmaataniiru jedhameera. ajajoonni fi qabsaa'onni Wayyaanee hojii kana irratti kallattiin hirmaachuu isaanii kan himate yoo ta'u, Rayaa fi Welkaayitti waldhabdeen dabalataa akka mudate ibsee jira.
Ji’a Bitootessaa keessa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa xalayaa Ministira Dhimma Alaa U.S. Marco A. Rubio’f barreesauun, Eertiraan yeroo roobaa haleellaa gurguddaa banuuf murna wayyaanee fi gareewwan hidhattoota biroo waliin “tumsuu fi qindoomina” gochaa jirti jechuun dabalee ibsee jira.
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte