Ministeerri Barnootaa Qabxii Seensa Riimeediiyaalii Ifa godhe
Published Oct. 7, 2025, 2:24 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ministeerri Barnootaa Qabxii Seensa Riimeediiyaalii beeysiseera.
Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018tti barattoonni Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa qabxii dhibbeentaa 49.5 gadi galmeessan; garuu ammoo ulaagaalee armaan gadii guutuu danda’an sagantaa Riimeediiyaaliitti fayyadamuu akka danda'an hubachiiseera.
Haaluma kanaan:
1•filannoo hundumaatti (dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa) sagantaa Riimeediyaalii hordofuuf baay'ina gosoota barnootaa qoraman keessaa dhibbeentaa 33 fi isaa ol qabaachuu akka qaban murtaa'eera.
2•Kan lakkoofsa 1 irratti eerame akkuma jirutti ta’ee, dhaabbilee mootummaa keessatti (baasii isaanii mootummaan danda’ee) barattoonni sagantaa Riimeediyaalii hordofan qabxii murteeffame kana qabaachuu akka qaban Ministeerri Barnootaa hubachiiseera.
•Barattoota Dhiira Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaa 216
•Dubartii Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaa 204
•Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaa Naannoolee Guddataa jiranii fi Naannoo Tiksee bulaa irraa dhufan
Koornyaa lamaaniinuu isaaniif 198
•Saayinsii Hawaasummaa fi Uumamaa Barattoota gurraan hin dhageenneef koorniyaa lamaaniinuu 198
•Saayinsii Hawaasummaa fi Uumamaa Barattoota Qaroo dhabeeyyiif koorniyaa lamaaniinuu 165
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman