Filannoo Taanzaaniyaa gaggeeffame Pireezidaantiin biyyatti Saamiyaa Suluuhuu moo'achuun barame.
Published Nov. 1, 2025, 4:03 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mormiin kan itti jabaate Filannoo Taanzaaniyaa Pireezidaantiin biyyattii injifachuun himame.
Filannoo Taanzaaniyaa gaggeeffame Pireezidaantiin biyyatti Saamiyaa Suluuhuu sagalee guddaa argachuun injifachuu Koomishiniin Boordii Filannoo Taanzaniyaa ibse. Kunis wayita dorgomtoonni paartii mormituu hidhaa jirani fi filannoorraa ugguraman yoo tahu, taateen kunis hiriira mormii cimaa guyyootaaf tureef sababa ta’eera.
Koomishiniin Filannoo Biyyaalessaa Taanzaaniyaa, bu’aa harra ifoomseen, Pireezidaantiin Taanzaaniyaa taayiyaataarra jiran Saamiyaa Suluuhuu, buufataalee filannoo Aanotii biyyattii mara irratti sagalee walii galaa guddaa ta’e dhibbeentaa 97.66n injifachuu ifoomse.
Kana hordofees sagantaan kakuu aangoo fudhannaa isaanii Sambata akka gaggeeffamu Televiszyiniin biyyaalessaa biyyattii dabalee ifoomseera.
Paartiin Mormituu biyyattii Chadema jedhamu wayita biyyattiin filannoo gaggeessitu kana mormiin Roobii darbee kaasee mudate hordofee namooti dhibbaan lakkaawaman du’aniiru jechuun ibse.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman