Godinaalee Oromiyaa mara keessatti dararriin mootumma PPtiin ummatarra ga’aa jiru kan yeroo kamii caalaa jabaachuu jiraattonni dubbatan.

Published Nov. 10, 2025, 3:20 p.m. by FNN Staff

742



ODUU FNN

Maqaa deeggaraa WBOti, Milishaa leenjifnaa, gibira kaffaluu diddaniif maqaalee kanneen biroo ittii maxxansuun ummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuu fi kan mana hidhaas jiran ajjeesuu, qaama miidhuu fi dararaawwan biroo irratti raawwatamaaa jiraachuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.

Bifuma Kanaan, Godina Arsii Ona Roobee Ganda Indatoo Walta’ii, Ganda Qaakoo Adda jaboo, Ganda Qillisaa Dambalitti Guyyaa 27/2/2018 ALItti Namoota qabeenya saamamanii fi manni jalaa gubate kan  maqaan nu qaqqabe keessaa..

1.Abbaa Ammiiyyoo jaarsa wagga 70

2.Ahmada

3.Abbaa Nuura manguddoo Wagga 80

4,Nuura

5,yuusuf.

6,Turee

7,Ganna Waliyyii

8,Abba Arabee

9,Bahmud Rashid

10,Abba Jawaar.

11,Abdulkariim

12,Bahmud bakaroo

13,Muftii Amaan

14,Abba Junaa Jaarsa Wagga 75

15,Mamad Amaan

16,Huseen Fatoo

17,Abba Umar Manguddoo Waggaa 79

18,Aminaa Gobe

19,Ahmad Aman

20,Abdul wahid sayidi

21,Xahir Nura

22,Samaraa Huseen

23,Qaasoo Saddoo

24,Jawaroo Gobe

25,Huseen Kadiro

26,Hulle Adam

27,Ismail Aloo

28,Qasim Tilmaa

29.Tiroo Tilmo

30.Aman Qaso

31.Umar K/kadir fi Dubartoota 50 ol Daa'immanii fi ijooleen dubraa kan keessatti argaman fi mucaa Dubraa Ganna 12  mustariyaa jedhamtu rasaasaan rukutamtee yaala dhabdee du'aaf jireenyaa gidduu jiraachuu jiraattonni maddeeniif ifoomsanii jiru.

Kana malees Godina Baha Shaggar magaala Maqii Sadaasa 6,2025 waraanni mootumma pp halkan manneen jiraattotatti cabsanii ol seenuun seera cabsite, galgala rondi bahuu didde jechuudhaan jiraattota mana hidhaatti guuraa jiraachuun barame.

Bifuma wal fakkaatuun, Kaaba Oromiyaa godina Walloo Ona Daawaa Caffaa magaalaa Qalloo irraa Sadaasa 5,2025 milishoonni PP qonnaan bulaa fi abbaa maatii nama maqaan isaa Adam Sayid jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun garmalee erga reebanii ukkaamsanii Ona Daawaa Caffaatti hidhuu jiraattotni magaalichaa dabaluun ibsaniiru.

Onuma Daawaa Caffaatti Sadaasa 3,2025 hidhattootni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Hasan Indiris jedhamu kan ganda Gooroo (Dimbarroo) irraa gara magaalaa Kamisee osoo deemaa jiruu badii tokka male itti marsanii qabuun reebicha ulfaataa eerga irratti raawwatanii onichumatti hidhuu jiraattonni maddeeniif gabaasanii jiru.

 


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan