Walta'iinsi biyyoota Galaana Diimaa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan ijaaraaman kan 'Red Wave 8' jedhamuu fi hirmaannaa biyyoota biroo afurii qabu shaakala waraanaa galaanaa waloon eegalan.

Published Nov. 11, 2025, 4:38 p.m. by FNN Staff

229



ODUU FNN

Walta'insi biyyoota Galaana Diimaa Itoophiyaa moggeesse.

shaakala waraana galaanaarraa eegale waloo kun humnoota galaanaa Masrii, Sa'udii, Joordaan, Sudaan, Yaman fi Jibuutii irraa hirmaataniin kaleessa eegaluu isaa dubbi-himaan waraana Masrii beeksisuu miidiyaan biyyatti Ahram online gabaasera.

Leenjiin kun guyyoota hin murtoofne hedduuf kan turu yoo ta'u, barnoota ti'oorii fi qabatamaa walitti fufiinsaan humnoota hirmaatan hunda gidduutti kennamuun yaad-rimeewwan ergama waloon rawwachuurratti kan xiyyeeffate ta'a jedhame.

Shaakala waloo Galaana Diimaa 'Wave 8' kun hojiiwwan waloo humna galaanaa karoorsuu fi raawwachuu, akkasumas leenjii balaa galaanaarra ga'u waloon qolachuufaa kan of keessatti hammatedha.

Akka dubbi -himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Masrii jedhanitti, shaakalli waraanaa waloo kana humnoota hirmaatan gidduutti dandeettii fooyyessuu fi waljijjiirraa beekumsaa guddisuuf gumaacha ni qabaata.

Kana malees, karoora leenjii waloo bal'aa Humni Waraanaa Masrii biyyoota michuu ishee ta'an waliin damee waraanaa adda addaatiin tumsuu fi jabeessuuf dhiyaatedha.

Ji'a Fulbaanaa keessa Masrii fi Sa'ud Arabiyaan tattaaffii nageenya galaanaa naannoo deeggaruuf waliigaltee walta'iinsaa fi tumsaa biyyotaa mallatteessan.


Similar posts:

Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uufi.

Godina Harargee Bahaatti Humnoonni Naannoo Somaalee Daangaa Ce'uun Lubbuu Namootaa Galaafachuun Barame.

Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti duula jabaa banuun dhagahame.

Sudaan meeshaalee waraanaa barbaacha Raashiyaaf buufata doonii waraanaa laachuf waliigaltee waggaa 25 dhiyeessite