Afrikaan Kibbaa xiyyaara lammilee Paalestaayin 150 fe'ee biyya ishee seene qorataa akka jirtu himte

Published Nov. 15, 2025, 3:42 p.m. by FNN Staff

423



ODUU FNN

Tajaajilli odeeffannoo nageenyaa Afrikaa Kibbaa xiyyara tajaajila dhuunfaa tokko kan Laammilee Gaazaa waraanaan miidhaman namoota 150 ol qabatee gara Johaannesbarg fa'ee dhufe eenyutu erge waan jedhu qorachaa akka jiru Prezidaantiin biyyattii Jimaata kaleessa beeksisan.

Xiyyaarri kuni ganama kamisa buufata Xiyyara Idil-addunyaa O.R. Tambo jedhamu qubachuu ibsuun garuu imaltoonni xiyyarichaa keessa turan sababa ragaan imala isaanii sirrii hin taaneef sa’aatii 12 oliif xiyyaaricha keessa bu’uu hin dandeenye jedhe.

Erga gaaffiifi deebii immigireeshinii Paalestaayin Afrikaa kibbaatti argamu waliin taasifameen booda Ejensiin daangaa Afrikaa Kibbaa qorannoo gaggeessun, Palesitiniyaanonni kun eessa qubachuufi ? yeroo hangam biyya keessa turu danada'u ?jechuun gaafiiwwan kaafaman deebii  quubsaa dhabuu himera.

Akkasumas Paalestaayinoonni kun viizaa biyyaa bahumsaa kan angawoota Israa’eliin kennamuufii qabus hin qaban jedhameera. Aangawoonni Afrikaa Kibbaa jalqaba irratti imaltoota xiyyaara irraa akka bu'an eeyyamuu diduu isaaniitiin dhaabbilee miti mootummaa irraa qeeqa cimaa isaan mudateera.  Paalestaayinoota 150mman maatiifi daa’imman qaban akkanumas dubartii ulfa ji’a sagal qabdu tokko dabalatee lammilleen kunneen xiyyaara garmalee ho’uu, kan nyaataafi bishaan dhugaatii hin qabne keessa tursisuu isaaniifis dhaabbileen kun komataniiru. 

Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa akkaataa Paalestaayinoonnii Keeniyaa Naayiroobii gara Afrikaa Kibbaatti dhufan adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira jedhan. 

Imbaasiin Paalestaayin Afrikaa Kibbaa ibsa kenneeni, balaliin kana kan qopheesse “dhaabbata hin galmoofneefi dogoggorsaa haala namoomaa gaddisiisaa ummanni keenya Gaazaa keessa jirutti fayyadamuun maatii gowwoomsuun, maallaqa irraa walitti qabuun, karaa sirrii hin taaneefi  itti gaafatamummaa hin qabneen imala isaaniif haala mijeessee” jechuun komateera jechuun Asooseetid Pirees gabaaseera.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.