Namoota Walloo Kibbaatti osoo albuuda baasanii holqi itti jige waggaa lamaan booda lafeensaanii argame.

Published Nov. 15, 2025, 3:25 p.m. by FNN Staff

544



ODUU FNN

Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo, Aaanaa Daalaantaatti namoota osoo albuuda Opaal baasaa jiranii holqi irratti kufe saddeeti waggaa tokkoofi baatii saddeetiin booda lafeen isaanii argame. 

Lafeen namoota kanneenii kun namoota albuuda qotan kan biraatiin akka argame dura taa'an gurgurtaa fi omisha albuuda gati-jabeeyyii kan ta'an Obbo Tasfaayee Agaash BBC Amaariffatti himaniiru. 

''Namoonni kallattii biraatiin seenuun halkan hojjataa turaniitu ture. Gara kallattii sanaatti yoo imalan reeffa namoota saddeettanii argataniiru'' jechuun ibsan Obbo Tasfaayeen. 

Sirni awwaalcha namoota kanneenitis  guyyaa kaleessaa raawwatamuusaa Obbo Tasfaayeen himaniiru. 

Namoonni amma reeffii isaanii argame saddeettan kunneen ALI Amajjii bara 2025 halkan keessa osoo albuuda Opaal qotaa jiranii ture kan holqicha keessatti awwalaman. 

Yeroo sanatti holqi dheerina meetira 150 qabu keessa seenuun qotuun kan dana'ame gara meetira 33 kan ta'u qofaa akka ture ibsamee ture. 

Yaaliin namoota sana baasuudhaaf taasifamaa tures yeroo qotamaa jiru waan biyyoon jigeef guyyoota jahaan booda akka addaan citu taasifamuunsaa ni yaadatama. 

Obbo Tasfaayee Agaash waggaa lamaan dura af-gaaffii miidiyaa waliin taasisaniin sababii namoonni karaa seeraan alaatiin albuuda baasan naannichatti bobba'aniif holqichi jiguusaatiif sababa tokko akka ta'e dubbatanii ture. 

Maatiin namoota balaa kanaan du'anitis guyyoota 19n booda abdii kutachuun hirmii baafachuun gaddaaf taa'anii akka ture gabaafameera.

 


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate