Godina Guraagee Bahaatti maatiin nyaata summaa’e nyaatan keessaa namootni saddeet du’uu hordofee poolisiin namoota kudhan to'annoo jala oolchuu ibse

Published Nov. 21, 2025, 11:43 a.m. by FNN Staff

540



ODUU FNN

Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaatti miseensonni maatii tokkoo nyaata summaa'e nyaatan keessaa namootni saddeet dhibamanii achumaan lubbuun isaani darbuu Koomishiniin Poolisii Naannichaa beeksise. 

Bakka Bu’aan Kutaa Qorannoo Yakkaa Poolisiin Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Itti aanaa Kumaandar Yaaloo Tamazgeen, Godina Guraage Bahaa Aanaa Masqaan ganda Masarata Wagaraam ollaa Daashoo Qootoo jedhamutti taateen kun mudachuu ibsan. 

Itti aanaa Kumaandar Yaaloo, Sadaasa 15, 2025, galagala naannoo saatii tokkoo miidhamtoonni kun, waliin irbaata erga nyaatan booda dhibamuu eeranii, battala namootni kun dhukkubsatan namootni ollaa mana yaalaa geessuu dubbatan. Isaan keessaa ijoolleen maatii kanaa kan ummurii waggaa 5, 7 fi 17 hospitaala battala gahan du’an jedhan. 

Kanneen hafan lubbuun hambisuuf yaaliin cimaan taasifamus borumtaasaa Sadaasa 16, 2025 miseensi maatii kanaa shamarreen ganna 14, dhiirri ganna 15 halkan naannoo sa'aatii 11tti du’uu poolisiin naannichaa ibseera. 

Ammas daa’imni ganna 1, Sadaasa 18 yoo du’u, abbaan isaaniis itti fufuun Sadaasa 19 lubbuun isaanii darbee walii galaan namootni saddeet maatii kana keessaa taatee kanaan du’uu ibse. 

Haati Warraa maatii kanaa lubbuun hafan Hospitaala Miniliik Finfinneetti yaala irra jiraachuu kan eere Poolisiin Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa, ka’umsi nyaata maatii kanaa summeesse maal akka ta’e qorataa akka jirus ibseera. 

Bakka Bu’aan Kutaa Qorannoo Yakkaa Poolisiin Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Itti aanaa Kumaandar Yaaloo Tamazgeen namoota nyaata kana summeessuun shakke kudhan to’annoo jala oolchee qorannaarra akka jirus ibsaniiru.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan