Haleellaa Meeshaa gurguddaa TPLF raawwatuun jiraattonni naannoon Affaar haala rakkisaa keessa jiraachuun himame.

Published Nov. 21, 2025, 12:31 p.m. by FNN Staff

543



ODUU FNN

Torbee tokko dura gandoota Affaar jaha to’atee kan ture TPLF ammallee naannoo sanatti haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa raawwataa akka jiru qondaalli olaanaan Naannichaa tokko himan. 

Naannoo Affaaritti lakkoofsi namoota Gandoota akka Toonsaa fi Naannolee ollaa irraa buqqa’anii kuma 18 kan ga’e yoo ta’u, namoonni 11,000 ta'an hanga ammaatti gargaarsa namoomaa akka hin arganne qondaaltonni naannichaa “Ethiopia Insider” tti himaniiru.

Mootummaan Naannoo Affaar ibsa gara torbee lama dura baaseen “gareen TPLF” Aanaa Magalee ganda Tonsaa haleeluu fi gandoota 6 humnaan to’atan  jechuun himate.

 Tibbuma sana Bulchiinsi Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay ibsa guyyaa tokko booda baaseen, humnoonni TPLF “Naannoo Affaar weeraree akka hin jirre himuun, himannaa MN Affaar TPLF haleellaa narratti raawwate jedhu haaluun isaa ni yaadatama. 

Qondaalli Ganda Toonsaa tokko akka jedhanitti hidhattoonni “humnoota Tigraay” jedhanii waaman kunneen ammallee naannoo Milkii, Warea, Mila, Kerefetu, Kasobera fi Keremuga torban lama dura to’annaa jala oolchaan ammas  gadihindhiisnee jedhan. 

Jiraattonni gandoota kanarraa buqqa'anis mana barumsaa ganda Arorii keessattiifi gariin ammoo muka jala gaaddisa godhatanii
haala rakkisaa keessa jiruu jedhan. 

“Ethiopia Insider” Odeeffannoo raayyaa ittisa biyyaa irraa mirkaneeffadheera jedheen, humnoonni TPLF ammallee dhuguma naannicha buufatanii jiruu jedhe. 

“Ethiopia Insider” bilbilaan dubbisuu kan hime   ittigaafatamaan ganda Tonsaa, “humnoonni Tigraay” darbee darbee meeshaa gurguddaa dhukaasaa akka jiran mirkaneeffadheera jedha. 

Milishoonni Affaaris gandoota Humnoota TPLF'n qabaman kana ittdhiyeenyaan  hordofaa akka jiran himan. Naannichatti waraanni deebi'ee ka'uuf ajaja humnoota olaanoo qofa akka eeggatanis himameera.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman