Sooriyaan Israa'eliin akeekkachiifte.

Published Nov. 21, 2025, 1:15 p.m. by FNN Staff

536



ODUU FNN

Soriyaan daawwannaa muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gara kibba biyyattiitti taasisan balaaleffattee, gocha weeraraa jechuun himatte. 

Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa ibsa kenneen, Tel Aviiv abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo Siiriyaa sarbaa jirti jedheera.

Daawwannaan Netaaniyaahuu murteewwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi gocha babal’ina kan cabsee ta’uu ministeerichi dabalee ibse. 

Damaasqoos gochi Israa’el seera addunyaa waliin kan wal hin simnee fi weerara waliin kan wal gitu ta’uu ibsuun, daawwannaan Netaaniyaahuu kaka’umsa ifa ta’e jechuun ibsa kennite. 

Qondaaltonni Tel Aviv hanga ammaatti komii Damaasqootiif deebii hin kennine jechuun Anadoluun dabalatee Miidiyaaleen gabaasaa jiru.


Similar posts:

GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame