Bittaa xaa’oon wal qabatee angawoonni kisaaraa qarshii biliyoona 5.6 ol geessisan jedhaman himataman.
Published Nov. 27, 2025, 2:25 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Angawoota mootummaa “faayidaa isaanif hin malle argachuuf yookan argamsiisuuf” dambiilee bittaa xaa’oo cabsuun kisaaraa Birrii biliyoona 5.6 ol geessisan jedhamuun shakkaman irratti himanni malaammaltummaa cimaa banamuun gabaafame.
Abbaan Alangaa Ministeera Haqaa himata Sadaasa 21 dhiyeessuun, Sadaasa 24, 2025 Mana Murtii Olaanaa Lidataa Dhaddacha Dhimma Yakka Malaammaltummaa cimaan himata irratti bane.
Himatamtoonni kuni, Seera adabbii yakkaa32 (1A) labsii yakka malaammaltummaa to’achuuf bahe 881/2007 keewwata 9(1A fi 2) darbuun taayitaa isaanii seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaa irratti hirmaachuun shakkamanii akka himataman Gaazexaan Riipoortar gabaaseera.
Abbaan alangaa aanga’oota olaanoo Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa Itoophiyaa torba, Hojii Raawwachiisaa Itti Aana Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii, hoggansa olaanaa Ministeera Qonnaa tokkoofi hoggansa olaanoo Dhaabbata Madaallii Qulqullinaa Itoophiyaa lama irratti ta’uun gabaafame.
Aanga’oonni kun aangoo isaanii seeraan ala fayyadamuun faayidaa isaanif hin malle argachuuf yookaan argamsiisuuf waliigaltee, qajeelfamaafi dambiilee idil-addunyaa xaa’oon ittiin bitamu beekaa cabsuun ta’uu gabaasichi eere.
Himatamtoonni kun walii galteen ala xaa’oo kana geejjibsiisuun mootummaafi ummatarra kisaaraa birrii naannawaa biliyoona 5.6 ol geessisan jedhaman. Darbees xaa’oon kun qulqullina akka hin qabne osoo beekanii gara biyyaatti akka seenu haala mijeessan jechuun shakkaman.
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte