Magaalaa Finfinnee keessatti ji'a sadii keessatti balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol gahuun ibsame
Published Nov. 3, 2025, 1:09 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol magaalaa Finfinnee keessatti uummamuun barame.
Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2018 keessa taatewwan balaa tiraafikaa yeroo 8,853 qabeenya irra ga'uufi balaa kunneen sababa konkolaachiftoonni seera tiraafikaa cabsaniif ta’uu Poolisiin Finfinnee beeksise.
Balaan kan hammaachaa jiraniif sababa konkolaachistoonni of eeggannoo malee konkolaachisaniif ta’uu eerun,kurmaana jalqabaa keessatti qofa konkolaachistoonni kuma 14 fi 695 ariitiin konkolaachisuu isaaniif ejjennoon irratti fudhatamuu beeksise.
Dabaluunis, konkolaachistoonni kuma tokkoofi 171 eeyyama konkolaachisummaa malee, konkolaachistoonni 172 humnaa ol dhuguun osoo konkolaachisaa jiranii qabamuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibsan.
Daangaa ol ariifachiisuu, dhuganii konkolaachisuufi eeyyama malee konkolaachisuun sababoota ijoo balaa kana hameessa jiran akka ta’an hubachiisuun, balaan kun, miidhaa lubbuufi qaamaa cinatti, qabeenya mootummaafi uummataa irra miidhaa guddaa geessisaa jira jedhan.
Misoomni koriidarii keessattuu miidhamaa jira kan jedhan Poolisiin Finfinnee, konkolaachistoonni dhuganii konkolaachisan addatti miidhaa kana qaqqabsiisaa jiru jedhan. Mukkeen qarqara daandii, sararootafi qabeenyota elektirikii, akkasumas misooma bu’uuraa daandii koriidarii Buufata Xiyyaaraa Boolee irra konkolaachistoonni dhuganii konkolaachisan kun miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu beeksisan.
Konkolaachistoota qabeenya tajaajila hawaasaaf ijaaraman irra miidhaa geessisan irratti adabbii tiraafikaa qofa osoo hintaaane qorannoo barbaachisuu taasisuun tarkaanfii cimaa irratti akka fudhatu beeksise.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise