Manni Maree Paartilee haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii filannoo walabaa gaggeesuuf ni danqa jechuun akeekkachiise; haaromsas gaafate
Published Nov. 6, 2025, 1:45 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa mootummaan biyyattii fi qaamni dhimmi ilaallatu seera filannoo biyyattii lafaa akka fooyyessaniifi rakkoo nageenyaa bu’aa filannoo dhufuu fudhatama dhabsiisuu mala jedhe akka furanis gaafate.
Manni Marichaa ibsa Sadaasa 04, 2025 baaseen, haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii keessatti mullatu amma paartileen siyaasaa walabummaan akka socho’an kan eyyamu miti erga jedheen booda, kanaaf haalli kun filannoo haqa qabeessaa fi dorgommii qixaa qabu gaggeessuu irratti gufuu kan ta’udha jedhe.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa torbaffaan kun filannoowwan biyyattiin gaggeessite duraaniirra “walaba, haqa qabeessa fi deemookraatawaaa” akka ta’u bu’aan isaas filattoota, paartilee siyaasaa fi taajjabdoota biratti akka fudhatama argatu hojjetaa akka jiru ibse.
Akka mana maree kanaatti bakkeewwan haaromsi gama seeraan isaan barbaachisu qabxilee afuridha jechuun adda baafamaniiru.
Isaanis mallatoowwan deeggarsa kaadhimamtootaa, deeggarsa maallaqaa mootummaa biraa paartilee siyaasaaf taasifamu, haala filannoo fi sagantaa filannoo ta’uu ibse.
Similar posts:
Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.
Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate
Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame