Naannoo Affaariitti eddoowwan humnoonni TPLF too'atan, jiraattonni buqqa'uun barame.
Published Nov. 6, 2025, 2:38 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Qondaalli naannichaa tokko maddeeniif akka himanitti, naannoo Affaaritti naannolee “humnoota wayyaaneetiin to’ataman” jedhamanii fi naannolee ollaa irraa namoonni 2,000 ol buqqa’aniiru jedhame.
Qondaalli kun akka jedhanitti, jiraattonni buqqa’an kun Godina Affaar Ona 2ffaa Ganda Megalee fi naannoowwan Faaroo Gandoota fi naannoo dhihootti qubachuun gabaafamee jira.
Mootummaan naannoo Affaar ibsa kaleessa galgala baaseen gareen TPLF Roobii Sadaasa 5/2025 Ona Megalee Ganda Tonsa irratti haleellaa raawwachuu isaa beeksise.
Jiraattonni naannichaa sadii maddeeniif yaada kennaniin odeeffannoo naannichaa mirkaneessanii jiru.
Naannoleen yeroo ammaa to’annoo humnoota Wayyaanee jala jiran Milkii, Waraa, Miilaa, Kerefetu, Kaosobera fi Keremuaga ta’uu jiraattonni kunneen himan.
Mootummaan Naannoo Affaar ibsa kaleessa kenneen Wayyaaneen naannoo Waraa fi Milkii humnoota Affaar irratti “dhukaasa meeshaa gurguddaa bantee jirti” jechuun himate.
Namni ijaan arge Ganda Tonsa irraa maddeenitti akka himetti, dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa kaleessa galgala naannoo sa’aatii 12:30 hanga galgala sa’aatii 2:00tti ture jedhan.
Similar posts:
GABAASA TORBAN KANAA
Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan