Mootummaan Ameerikaa eegumsa seeraa baqattoota Itoophiyaaf kennaa ture adda kute

Published Dec. 13, 2025, 4:34 p.m. by FNN Staff

393



ODUU FNN

Mootummaan Ameerikaa waggaa sadi dura lammiileen Itoophiyaa eegumsa seeraa yeroo murtaa'eef kenname jala akka jiraatan wabii ta'eefii kan ture amma dhaabuusaa ibseera.

Eegumsi seeraa yeroof kennamu kun lammiilee Itoophiyaa sababa walitti bu'iinsa, balaa uumamaa ykn sodaa nageenyaa biroo keessa galanii fi lubbuusaaniif sodaachuun biyyaa baqataniif kennamaa ture.

Eegumsi seeraa baqattootaaf addatti kenname kun baqattoonni Itoophiyaa Ameerikaa keessatti akka hojjetanii fi biyyaa akka hin ari'amne wabii ta'aafii ture.

Sagantaan kun bara bulchiinsa Joo Baayidan kan eegale yoo ta'u, addatti baqattoota waraana Tigraay dheessanii biyyaa ba'aniif wabii ta'ee ture.

Seerri baqattoota Itoophiyaaf eegumsa addaa kennu kun bulchiinsa Tiraamp, kan baqattoota irratti tarkaanfii hamaa fudhataa jiru, keessatti iddoo dhabeera.

Bulchiinsi Tiraamp duula baqattootarratti eegale keessaa tokko sagantaawwan akkanaa dhaabsisuudha.

Hooggantuun waajjira dhimma nageenya biyya keessaa Ameerikaa Kiristii Noom waltajjii mootummaa federaalaa kan ejjennoowwan jajjaboon mootummaa biyyattii irratti ibsaman irratti murtee kana labsan.

''Haala qabatamaa biyyattii gamaaggamuu fi qaamolee mootummaa Ameerikaa dhimmi kun ilaallatu waliin dubbachuun, Itoophiyaan yeroo ammaa haala baqattoota biyyattiif eegumsi seeraa addaa barbaachisuuf keessa akka hin jirre murteessineerra,'' jechuun murteesaanii labsan.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.