Jijjiirami haala qilleensaafi rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa nama godaansisaa jiran – Gabaasa IOM

Published Dec. 16, 2025, 3:50 p.m. by FNN Staff

316



ODUU FNN

Gogiinsa darbee mudataa jiruufi rakkoon nagaa Oromiyaa keessaa ammas sababa ta’uun jiraattota godaansaaf saaxilaa akka jiru Jaarmayaa Mootummootaatti Dhaabbati Dhimma Godaantotaa IOM gabaasa isaan ibse.

Gabaasa isaa “Dhimma Jijjiirama haala qilleensaa, walitti bu’iinsaafi godaansaa; kan Itoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa” jechuun baase kana irratti IOM,  Oromiyaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaafi nageenyaan miidhaan irra gahaa jiran jedhe. Kanaanis jiraattonni naannoo Oromiyaa akka itti dhiibbaa kana jalaa bahuun isaaniif mijatutti gara guutummaa Itoophiyaa yookiin naannawaa Gaanfa Afriikaafi alatti mala ittiin miliqan barbaaddatan dirqeera jedhe.

Akkaataa ragaa walitti qabamee gabaasa kana keessatti eerame kanaan, bara 2018 haga 2024 namoota Itoophiyaa keessaa godaanan keesaa Oromiyaan harka guddaa qaba. Kunis keessumaawuu godaansa Oromiyaarraa gara Gaanfa Afriikaan alaatti taasifame godaansa namootaa akka biyyaalessaatti mudate keessaa isa guddicha jechuun ibseera.

Godaantonni kunneen sababa diinagdeef biyyaa baqachuu himatanus, IOM garuu qorannoo taasise jedheen namootni kun sababa rakkoo jijjiirama haala qilleensaanmidhaan facaatan baduu, horiin jalaa du’uu, madda bishaanii dhabuufaa bira gaheera.

Gabaasi IOM kun, Oromiyaa bakkeewwan 28 kan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa fi kan nageenyaa qaban adda baaseera. Bakkeewwan kuni yeroo gogiinsa bara 2020 haga 2023 ture baballataa akka dhufanis gabaasa kana irratti eerameera.

Kanaanis qorannoon godaansa irratti taasifame keessumaa abra 2021 haga  bara 2023 godaansi Oromiyaarraa alatti taasifame guddaa ta’uu agrasiisa jedhame. Yeroo kana rakkoon diinagdee tureefi kan nageenyaa namootni qe’ee akka baqatan dirqee ture jedhe IOM. Kana hordofees jiraattonni kaan naannolee hiyeenya jirutti yoo baqatan, kaan ammoo Gaanfa Afriikaa qaxxaamuruun gara biyyoota galoo galaana Edenitti godaananiiru.

Gabaasi IOM kun naannoowwan rakkoon jijjiirama qilleensaafi nageenyaa qaban godaansa naannocha keessaa alatti taasifamu keessatti bakka guddaa qaban. Akka falaattis namootni qe’ee dhiyootti jirutti baqachuun yoo falachuuf yaadan hanqinni qabeenya jiruuf barbaachisoo ta’an kanarraa ka’ee mudachuu gabaasichi ibseera.

Kanaafis akka falaatti, Oromiyaa naannolee jijjiirama haala qilleensaafi rakkoo nageenyaaf saaxilamoo ta’an rakkoo jiru kana furuuf tarkaanfiin akka dandamannaa jijjiirama haala qilleensaa cimsan, qaamolee bokkaarratti hundaa’uun jiruu isaanii gaggeessaniif deeggarsa barbaachisu kennuufi furmaata wal waraansaaf taasifamu jabeessuu kennamuu qabaat jedheera. Aangawootnis godaansa namootaa kana akka rakkoowwan kana hordofee mudate ta’uu amanuun rakkoo kanaaf fala gochuu dhabuun rakkina godaansaa naannochaa hammeessaa akka deemu hubachuu qaban jedhe IOM.

Akka IOM jedhetti rakkoo mudataniif fala battalaa soquunifi dandeettii dandamannaa rakkoo kanaa irratti hojjachuun godaansa naannoo Oromiyaarraa ka’u kan egerii hirrisuu mala. 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise