Raashiyaan Doolaara biiliyoona 226 Gamtaa Awurooppaa keessatti dhoorgamee ture deeffachuuf 'Euroclear' himatte
Published Dec. 16, 2025, 3:41 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Raashiyaan tarkaanfii seeraan alaa Gamtaan Awurooppaa qabeenna abbaa biyyummaa isii dhuunfachuuf fudhate irratti, tarkaanfii ariifataa haaloo bahuu akka fudhattu waadaa galte raawwatteetti.
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa kuusaa sekuritiiwwan giddugaleessaa Beeljiyeem Euroclear irraa miidhaa doolaara biiliyoona 229.36 akka kaffalu gaafataa akka jiru Manni Murtii Jiddugaleessaa Moskoo himeera.
Ibsi himannaa kanaan dura mana murtiitti dhiyaatee jira.
Gamtaan Awurooppaa maallaqa sana fedhii maallaqaa fi waraanaa Yukireeniif akka itti fayyadamuuf haala mijeessuuf qabeenya Raashiyaa yeroo hin murtoofneef akka dhoorgu beeysiseera.
kanaan dura miseensota Gamtaa Awurooppaa hunda irraa sagalee guutuun hayyama argachuuf ture bira darbee.
Tarkaanfiin Gamtaa Awurooppaa seera idil-addunyaa hamaa cabsuu kan ta’e sirna faayinaansii mataa isaa qofa osoo hin taane maqaa addunyaa isii miidhuu, sadarkaa michuu daldalaa fi invastimantii amanamaa ta’uu isii irratti dhiibbaa kan geessisu ta’uu dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaan kanaan dura ibsaniiru.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.