Bittaafi gurgurtaa maallaqa sobaa irratti namoota bobba’anii turan to’achuu Poolisiin Finfnnee beeysise.

Published Dec. 17, 2025, 12:15 p.m. by FNN Staff

283



ODUU FNN

Finfinneetti namoota nootii maallaqaa sobaa maxxansuun gara gabaatti seensisuuf turan Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lidataa Aanaa torba bakka addaa Hoteela Asab jedhamutti maallaqa kanaa waliin to’annaa jala oolchuu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeysise. 

Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Lidataa, namootni Naataaniim Fitsumfi Mikiyaas Dhaabaa jedhaman eessaa argami isaa kan hin beekamne nootii qarshii maallaqaa kuma kudha shan qarshii nootii dhugaa ta’e birrii kuma saddeetiin osoo gurguruuf jedhanii eeruu ummata biraa dhufeen hordoffiin taasifamee to’annoo jala oolchuu ibseera. 

Poolisiin akka ibsetti sakatta’iinsa tasaa namoota kana irratti taasifameen, nootii qarshii abbaa dhibba lamaa 75, jechuun, qarshii nootii sobaa kuma kudhanii shan argameera. 

Poolisiin ammatti qorannoo jalqabuu kan ibse yoo ta’u, maxxansifi raabsiin qarshii nootii sobaa kun diinagdee biyyaa irratti miidhaa kan geessisu ta’uus akeekkachiiseera. 

Yakka kana to’achuufis dursee socho’aa akka jiru kan eere poolisiin Finfinnee, hawaasnis dursee eeruu akka kennu gaafatee jira.


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate