Godina Wallagga Bahaatti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummata buqqaasuun jabaatee itti fufuun ibsame.
Published Dec. 17, 2025, 12:42 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Jiraattonni yaada isaanii maddeeniif kennan akka jedhanitti amma inumaa uummanni kan buqqaafamaa jiru naannawaa magaalaa Naqamteetti dhihoo ta'an irraayyi jedhaniiru.
Humnoonni finxaaleyyii Faannoo garmalee hidhatan naannawaa haleellaa isaanii aanaalee naannawaa daangaa irraa gara dhiheenya magaalaa Naqamteetti bal'ifachuu himaniiru.
Kanaanis uummanni heddumminaan qe'ee isaa irraa buqqaafamaa jiraachuu dubbataniiru.
Tibbana naannaqaa Sibuu Siree fi Luugootii uummanni garmalee buqqaafamuu ibsaniiru.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa haleellaan humnoota finxaaleyyii Faannoo itti hammaatu keessatti warreen caasaa mootummaa naannawaa kanaa keessa taa'anii humna finxaalessa kana waliin hojjatutu jiraa jedhan jiraattonni.
Jiraattonni yaada isaanii kennan humnoonni finxaaleyyiin kun ammaan kana haleellaa naannawaa aanaalee daangaa qofaa irra ture babal'isanii hanga andaara magaalaa Naqamteetti dhufanii haleellaa raawwachuu kan danda'aniif sababa kanaaf akka ta'e ibsaniiru.
Humnoota finxaaleyyii kana kan goobse caasaadhuma mootummaati jedhu jiraattonni.
Caasaa mootummaa aanaadhaa hanga godinaa diriire kan jara waliin hojjatutu jira kan jedhan jiraattonni, warri kun caasaa mootummaa keessa taa'anii humna finxaalessa Faannoof keettoo ta'anii hojjatuu jedhu.
Bakka gariitti inumaa maatii tokko keessaa tokko hooggansa mootummaa aanaati, tokko immoo ajajaa humna finxaalessaa Faannooti jedhu.
Haala kana keessatti akkamiin haleellaa humna finxaalessaa Faannoo ittisuun danda'amaa jedhanii gaafatu.
Kana qofaas miti jedhu jiraattonni. Lafa bal'aa gammoojjii keessa jiru deeggartoonni humna finxaalessa Faannoo akka qotan ta'e jedhee kennameef kan jedhan jiraattonni, warri lafa sana qotu bu'aa irraa argame gurguree gartokkee qoodee magaalaatti hooggansa mootummaaf akka ergu himatu.
Haala kanaan caasaan mootummaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin butamee, Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo dhufuuf jedhu warri caasaa mootummaa keessa jiru dursee humnoota finxaaleyyii Faannoof eeruu kennee akka miliqsu dubbatan.
Raayyaan ittisa biyyaa dhufee dhabne jedhee oldeebi'a, humnoonni finxaaleyyii Faannoo miliqan deebi'anii uummata irratti tarkaanfii akka fudhatan jiraattonni maddeenitti himaniiru.
Yeroo kana milishoonnii fi poolisoonni muraasni aanaa irra jiran humna kana fuuldura akka dhaabbatu taasifamee ta'ee jedhamee akka dhuman taasifamaa jiraa jedhan.
Rakkoon naannoo sanaa mootummaan otoo kutannoo qabaatee furmaata waaraa akka argatu kan dubbatan jiraattonni, warra caasaa mootummaa keessa taa'ee fayidaa, maatiidhaanii fi ilaalchaan Faannoo deeggaru caasaa mootummaa keessa qulqulleessuu feesisa jedhan.
Kana malees jiraattota humna finxaalessa Faannootiif dahoo ta'uun tajaajilan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuun gochaa isaanii irraa dhaabsisuun dhimma akkaan murteessaa ta'uu dubbatan.
Maaliif jennaan humnoonni finxaaleeyyiin kunneen asuma qubattoota keessa dhokatanii jiraatu jedhan.
Kana malees mootummaan humna guddaa bobbaasee jiraattota naannawaa sanaa waliin qindaa'ee sakattaa cimaa taasisuu akka qabus dubbataniiru.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise