Murtee Bulchiinsi Tiraampi dabarse hordofee lammileen Itoophiyaa yaaddoo keessa seenuu himan

Published Dec. 17, 2025, 1:11 p.m. by FNN Staff

420



ODUU FNN

Bulchiinsi Tiraampi hojmaata lammilee Itoophiyaaf mirga da’annoo seeraa jireenyaa yeroof  tiksu erga hambiseen booda lammiileen Itoophiyaa Koloraadoo jiran sodaa keessa galu dhaabbileen mirga baqatootaafi falman ibsan.

Yuunaayitid Isteetis Kutaa Bulchiinsa Koloraadoo keessa hawaasi Itoophiyaa baayyee kan keessa jiraatan yoo ta’u tilmaaman laamileen Itoophiyaa kuma 30 hanga kuma 50 gidduu akka jiraatan Hawaasni Itoophiyaa Yunivarsiitii Koloraadoo Boulder beeksiseera.

Amma, garuu akka dhaabbileen falmitoota kabaja mirga baqattootaa jedhanitti, hawaasni Itoophiyaa hedduu erga murteen kun Jimaata darbe ifoomee as rifaatuu keessa galu ibseera. Kana jechuun lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa keessa eeyyama yeroo jala jiran guyyoota 60 keessatti biyyattii gadi dhiisanii ba’u qabu  ykn biyyaa ari’amuu danda’uu jedhame.

Liidiyaa Taamirat Dhaabbata miseensa Hawaasa Itoophiyaa Naannoo Koloraadoo yoo taatu, gochi raawwatamaa jiru "hiika hin qabu," jechuun miidiyaa CBS tti himte. 

Akka ragaan agarsiisutti lammileen Itoophiyaa 4500 ta’an hojmaata lammilee Itoophiyaaf mirga da’annoo seeraa jireenyaa yeroof  tiksu kana argatanii jiran.

Murtii kana ilaalchisee dubbi himaan Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Ameerikaa, "Eegumsa  Yeroo kanaan dura kennamaa ture duraanuu jireenya dhaabataafi kan karra saquu miti” jedhan. Akkasumas "haalli Itoophiyaa yeroo amma nageenya  lammiilee gara  Itoophiyaa yoo deebi'aniis  balaa guddaa kan hin fidu"miti  jechuunis dabalaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Yuunayitdi Isteetii  marsariitii isaanii irratti ammas rakkoo Itoophiyaa keessa jira jedherraa kan ka’e of eeggannoo sadarkaa sadaffaa kaa’eeti jira. 

Aadde Liidiyaa Taamiraati gama isheetiin hawaasni Itoophiyaa sababa kanaafi rifaatuu keessa akka jiru ibsuun Itoophiyaan bakka nageenya amansisaan hin jirre, itti deebi'an jiraachuufi kan hin mijoofnee jechaan mormite.

Itti dabaluunis "Namoonni bara 2022 irraa eegalan garana dhufan amma Ijoollee isaanii gara mana barumsaa erguun ijoolleen isaanii barachaa jiru, Baay'een isaanii kaardii eeyyama hoji argachuun hojii jalqabaniiru" jette.


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte