WBOn lixa oromiyaa godina wallaagga bahaatti tarkaanfii fudhateen diina adabuu beeksise. Mudde-17/2025 Lixaa Oromiyaa Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaatti itti seenuun waajjira aanaa saasiggaa guutuummaa guutuutti dhuunfatee jiraachuu beeksise.

Published Dec. 18, 2025, 3:26 p.m. by FNN Staff

373



ODUU FNN

WBOn lixa oromiyaa godina wallaagga bahaatti tarkaanfii fudhateen diina adabuu beeksise. Mudde-17/2025 Lixaa Oromiyaa Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaatti itti seenuun waajjira aanaa saasiggaa guutuummaa guutuutti dhuunfatee jiraachuu beeksise.                                                                                                                        

 Akkasumas Lixaa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat Ganda Mandiidaa Xunjiiti Jedhamuuti WBOn Itti Seenuun Milishoota 4n Qawwee Waliin Dhuunfachuun Moonaa QBOf galii godhuu beeksise.

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Godina Jimmaa aanaa Limmuu Saqqaatti qaamoleen mootummaa buusii humnaa olii nu gaafataa jiruu jedhan jiraattonni.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan akka jedhanitti, caasaan gandaa buusiiwwan garaagaraa hanga birrii kuma 6 kafalaa akka jedhaman dubbatu.

uffata milishaa qarshii 1200, bitta dozarii qarshii 4200 fi dhimmoota garaagaraatiif jedhanii nurraa guuru jedhan jiraattonni maddeeniif yaada kennan.

Namni kafaluu dadhabe akka hidhamu kan himan jiraattonni, nama waan jedhame kan raawwachuu dadhabe milishoonni mana hidhaatti guuruun dararaa irratti raawwataa akka jiran jiraattonni madeen dubbisetti himanii jiru.

Itti dabaluuniis yeroo jireenyi akka kanaan qaala'ee jirutti caasaan mootummaa gandatti ramadame buusiiwwan garaagaraa kafalaa jechuun isaan dararaa akka jiru dubbataniiru.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

,Mootummaan Ertiraa birmadummaan daangaa haa kabajamu jedhe.

 Mootummaan Eertiraa yaa’ii 120ffaa Mana Maree Ministiroota Dhaabbata Biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasifikii (OACPS) irratti haasaa taasiseen, abbaa biyyummaa mootummootaa akka kabajamuu fi qoqqobbii dhuunfaa biyyoota guddachaa jiran irratti kaa’ame akka ka’u gaafate.

 Itti gaafatamaan jila kanaa, Ministira Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saalihiin bakka bu’uun haasaa walga’ii kanarratti taasisaniin, dhimmoota gurguddoo sadii: nagaa fi nageenya, qoqqobbii dhuunfaa, fi biyyoota hedduu irratti ejjennoo Eertiraan qabdu ibsaniiru.

 Bakka bu’aan kun nagaa fi tasgabbii Gaafa Afrikaa keessatti akka uumamuuf kabajni abbaa biyyummaa fi qulqullinni naannoo mootummootaa barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

 “Akkuma Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti tumame; walabummaan, abbaa biyyummaa fi qulqullinni naannoo mootummootaa dhimmoota mariin hin taanedha,” jedhan bakka bu’aan kun Biyyoonni hariiroo idil-addunyaa isaanii keessatti humna ykn doorsisa fayyadamuu irraa of qusachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

Akkasumas, hariiroo nagaa biyyoota gidduu jiruuf qajeeltoowwan kana kabajuun “haala bu’uuraa” ta’uu ibseera. Eertiraan qoqqobbii dhuunfaa biyyoota miseensa OACPS hedduu irratti kaa’ameef yaaddoo ibsiteetti.

Bakka bu’aan kun qoqqobbiin kun biyyoonni faayinaansii misoomaa fi haala qilleensaa akka hin arganne, industirii ijaaruu fi kaappitaala damee dhuunfaa akka hin fayyadamne kan dhorku ta’uu ibsaniiru.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Pireezidantiin Bulchiinsa yeroo Tigraay Finfinnee dhufan.

Jilli aangawoota naannoo Tigraay pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Leetinaal Jeneraal Taaddasaa Warradaatiin durfamu Finfinnee kan dhufe angawoota mootummaa federaalaa waliin marii taasisuufi.

Daawwannaa Finfinnee kun yeroo muddamni mootummaa federaalaa ABUT gidduutti hammaatetti.

ABUT boordii filannootiin haqamee jira. Filannoon biyyaalessaa immoo barana adeemsifama.

Bulchiinsi yeroo Tigraay mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti hudhaatti gale rakkoo keessa jira. Deeggarsi maallaqaa mootummaa federaalaa narraa cite, kanaanis bulchiinsi yeroo rakkoo hamaa keessa jira jedhe.

Mootummaan federaalaa immoo maallaqan naannoo Tigraayitti ergu hidhattoota kaampii keessatti kuufamaniin soortu, ABUT immoo hidhattoota kanaa fi mootummaa Eertiraan deeggaramee na waraanuuf karoora qabu jedhee himata.

Waliigalteen Piriitooriyaa hojii irra ooluu dhabuuf gamni lameenuu walhimatu.

ABUT mootummaan federaalaa lafa naannoo Tigraay naannoon Amaaraa qabate naaf hin gadhiisifne, buqqaatonnis qe'eetti hin deebine jedha.

Mootummaan federaalaa immoo lafti naannoleen Amaaraa fi Tigraay irratti waldhaban mariin furama, buqqaatonni garuu qe'eetti deebi'uu qaba jedha.

ABUT immoo lafa keenya naannoon Amaaraa to'atetti buqqaatota deebisuun nageenya buqqaatota deebi'aniif balaa dha jedha.

Mootummaan federaalaa immoo ABUT buqqaatonni akka gara qe'eetti hin deebine galtee siyaasaaf ugguree qabee jira jedhew himata.

Kana malees ABUT loltoonni duraanii akka hin hiikkanne adeemsa hidhannoo hiikkachuu fi loltoota hawaasatti makuu kan DDR jedhamu gufachiisuu mootummaan federaalaa himata.

Hidhattoota kanneeniin Eertiraan deeggaramee na waraanuuf akeeka qabas ittiin jedha.

ABUT immoo otoo lafti naannoo Amaaraan qabame hin deebine, nageenyi Tigraayis hin mirkanoofne loltoota duraanii hin hiikkachiifnu ijjannoo jedhu akka qabu keessa beektonni himu.

Haala kanaan mootummaan federaalaa fi naannoon Tigraay dugdaa fi garaa walitti ta'anii dubbiin itti fufee jira.

 

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Ogeeyyiin fayyaafi jiraattonni Sudaan naannoo humnootni RSF harkaa qaban keessatti humnaan ugguramuu hordofee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaddoo qabu ibse

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)'n gabaasa baaseen, hojjattootni fayyaa 70 oliifi namootni nagaan gara 5,000 ta'an Sudaan Magaalaa Nyaalaa keessatti ukkaamfamanii akka jiran ibse.

Weerarri dhukkubaa namoota hidhamanii jiran irratti mul'achuun yaaddoo guddaa uumaa jiraachuu hordofee, odeeffannoon dabalataa walitti qabamaa jiraachuu,  hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Teediroos Adihaanoom ibsaniiru.

Sudaan, kibba Daarfuur Nyaalaa keessatti, hojjettoonni fayyaa fi lammiileen nagaa haala rakkisaafi fayyaaf hin taane keessatti ukkaamfamanii jirus jedheera. Akka gabaasa Dhaabbata Sudaan Dooktors Neetworkitti, namoonni hidhaman haala fayyaaf hin taane keessatti hidhamanii kan jiraniifi weerarri dhukkubaas ammoo mul'ataa jiraachuus dhaabbati kun ifoomseera.  “Hojjettoonni fayyaafi namoonni kumaatamaan lakkaa'aman hidhamuu isaanii baay'ee yaaddessaadha” jedhan hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Doktor Teediroos Adihaanom.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa argame muldhisutti, bara kana Sudaan keessatti haleellaan 65 buufataalee eegumsa fayyaa irratti kan raawwatame yoo ta’u, kana hordofees lubbuun namoota 1,620 darbee, namoonni 276 ammoo madaa’anii jiran. Akkasumas, hojjettoota fayyaa 54 fi dhaabbilee Fayyaa 46 akkasumas dhukkubsattoota 33 irratti dhiibbaan gama waraanaan dhufe qaqqabuun ibsameera.

Hanga gabaasni Kun qindaa'eetti, Waraanni Sudaanii fi humna deeggarsa saffisaa (RSF) gidduutti waldhabdeen ciminaan itti fufuu isaatiin, namoota kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu fi miliyoona 12 ol buqqa’anii jiraachuun gabaafameera.

 

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

 

Somaaliyaafi Jibuutiin  Ittisa  waloo cimsuuf Moqaadishootti wal arguun himame

Ministirri Ministeera Ittisaa Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa,  Ahimad Mowaaliim Fiqii, gita isaanii Ministira Ministeera Ittisaa Mootummaa Dimookiraatawaa Jibuutii, Hasan Omaar Mohaammad, waajjira isaa Moqaadishootti simachuun tumsa ittisaa irratti mari'achuun gabaafame.

Ministirri Ittisaa Jibuutii, Hasan Omaar Mohaammad  daawwiidhaaf  magaalaa Moqaadishootti imaluun  Sagantaa 35'ffaa Walgahii Waldaa Ministeerota Ittisaafi Nageenyaa Humna Eegumsa Balaa Bahaa Afrikaa (EASF) irratti hirmaachuun marii taasisuu Tajaajilli Oduu Somaaliyaa gabaase.

Ministiroonni lamaan marii bal’aa taasifame kanaan xiyyeeffannoon tokkummaa tarsiimoo;hojimaata nageenyaafi ittisa cimsuu irratti akka ta'eefi,  walta’iinsa naannawaa bal’aa irratti xiyyeeffachuun, tattaaffiiwwan tasgabbiifi nagaa Bahaa Afriikaa mirkaneessuuf hojjetaman walitti fiduuf akka mari'atan eerameera.

Walgahicha irratti, Ministirri Ittisaa Somaaliyaa, Ahimad Mowaaliim Fiqii, Humna Deeggarsaa Tasgabbii Somaaliyaa kan Gamtaa Afriikaa (AUSSOM)  ijaaruun Somaaliyaa   keessatti  deeggarsi walirraa hin cinneefi  obbolummaan dhugaan akka jiraatuf  qoodni Jibuutii olaanadha jechuun, Jibuutiin waggoota hedduuf Somaaliyaa ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa taasisaaniiru jechuun galateeffataniiru jedhame.

 

 

 


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte