Kaaba Salaaleetti haala nageenyaatiin wal qabatee manneen barnootaa hedduun manca’uun barattoonni bakka itti baratan dhabanii rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.

Published Dec. 2, 2025, 2:15 p.m. by FNN Staff

720



ODUU FNN

Kaaba Salaaleetti haala nageenyaatiin wal qabatee manneen barnootaa hedduun manca’uun barattoonni bakka itti baratan dhabanii rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.                     

 Kaaba Salaalee A/Warra Jaarsoo ,Bu/Ma/Hoosee fi aanota biroo dabalatee rakkoo nageenyatiin  manneen barnootaa hedduun erga manca’ee woggoota kan lakkoofsiseefi haalli baruu fi barsiisuu adda kan cite yoo ta’u, as dhiyootti hawwaasni naannoo maallaqa walitti buusuun manneen barnoota haga tokko suphuuf akka yaalaan jiraattooni nin dubbatu. Kun ammas ga’aa waan hin taaneef barattoonni waan irra taa’anii baratan dhabuun ammallee rakkoo hamtuu keessa akka jiran jiraattooni ni dubbatu.

Manni Barumsaa iddoo dhaloonnii abdii boruu ta’ee fi furtuu rakkoo biyyaa fi hawaasaa itti oomishamuudha malee dirree waaraanaa biti, godinni salaalee garuu manneen barnootaa hedduun manca’uun, kan hafanis buufa waraanaa ta’ee jedhan.

 Dhaloonni as keessatti oomishamu kun haal dureewwan barnootaa barbaachisu hunda guuttachuudhan lammiin dhaloota boruuf dorgomaa ta’e as keessatti oomishama. Kana yeroo jennu lammiin kun yaad-rimee barnootaa sadarkaa oduu qofatti osoo taane kan saayinsii fi teknoloojiin badhaadhee ta’ee, rakkoo fi gadadoo sabaatiif karaa ariitii fi kalaqa qabuun furmaata waaraa laatu oomishuudha jedhan jiraattonni. Itti dabaluuniis, Kana Dhugoomsuuf manni kitaabaa fi manni yaalii meeshaalee isaaf barbaachisan guuttatee haala mijjataa fi dhaqabamaa ta’uudhan barnoota qabatamaa taasisuu keessatti shoorri inni qabu kan leencaati jedhan.

 

Haaluma Kanaan maqaan manneen barnoota manca’anii

 

1,Faajjii Mikaa'eel                                                             

2,Boobee

3,Ejeersaa Madaanalamii

4,Collee

5,Nuunnuu Gondinii

6,Qilinxoo Bitaa fi Mirgaa

7,Agamsa

8,Gib-Waashaa

9,Laantuu Walargii

10,Jamjam Meellaa

11,Cawaa Muraasaa

12,Laantuu

13,Kallattee

14,Karaadii

15,Q/Luuxuu

16,Bocceessaa Sillaasee

17,Goljee Sad. Iffaa

18,O/Bareeda

19,Birbirsaa

20,Gurraacha

 

21,H/Mikaa'eel

22,Bisxinnoo Dheeraa

23,WalDibbaaDirree

24,Waariyoo Luugoo

25, Waajjuu Jaganfoo

26,Shashang

27,Liilluu

28,Tulluu Biiftuufaa kanneen jedhamaniidha. 

 

 


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan