Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti duula jabaa banuun dhagahame.
Published Dec. 2, 2025, 12:35 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti duula jabaa banaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Jiraattonni yaada isaanii maddeeniif akka kennanitti kaleessa Mudde1 bara 2025 ganama irraa eegalee hanga galgalaatti mootummaan naannoo Somaalee aanaa Cinaaksan gandoota Maloolee fi Kalmalee jedhamanitti humna addaa bobbaasee haleellaa cimaa uummata irratti raawwataa ooluu jiraattonni himan. jiraattonni itti dabaluun akka yaada isaanii kennanitti konkolaattota waraanaatiin loltoota hedduutu nutti bobbaafame, haleellaa kanaan namoonni lubbuun darbe hedduu ta'uu fi 10kan caalaan ammoo madaa'anii jiraachuu dubbatanii jiru. kana malees qabeenyi ummataa hedduun manca'uu maddeen gabaasanii jiru.
Bifuma walfakkaatuun Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo nama ukkamsanii fudhatanii maallaqa itti gaafataa turan lubbuu dabarsuun ibsame.
Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, ganda Andoodee Dichootii nama nagaa butanii erga fudhatanii booddee maallaqa humnaa olii maatii nama sanaa gaafataa turan jedhan.
Maatiin maallaqa jedhame kafaluu waan hin dandeenyeef gara aanaa Abee Dongoroo geessanii achitti lubbuu baasanii gatanii deemuu jiraattoonni maddeeniif himan.
Humnoonni finxaaleyyiin guyyuu nama nagaa ukkaamsanii fudhatanii maallaqa guddaa itti gaafatuu jedhu jiraattonni.
Mootummaan humna guddaa bobbaasee finxaaleyyii asuma naannoo Oromiyaa maadheffatanii uummata dararaa jiran nurraa hin ittifne taanaan rakkoo hamtuutu nutti deemaa jira jedhan jiraattonni maddeeniif yaada kennan.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate