Tokkummaan Oromoo akka jabaatuuf gaheen gartuulee siyaasaa fi eliitii Oromoo guddaa ta'uun dubbatame.

Published Dec. 23, 2025, 3:31 p.m. by FNN Staff

431



ODUU FNN

Tokkummaan Oromoo akka jabaatuuf gaheen gartuulee siyaasaa fi eliitii Oromoo guddaa ta'uus ibsaniiru.

Piroofeesar Takla'aab Shibbiruu, Doktar Jamaal Heebanoo, Obbo Buttaa Dafii, Obbo Kiniinii Jegenoo fi Doktar Sulxaan Abdaa Qophii Dirree Waloo mata duree Lafaa fi Lafee, Tokkummaa fi Sabboonummaa Oromoo jedhuun dhihaate irratti xinxaala bal'aa kennaniin dhimmoota tokkummaa fi sabboonummaa Oromoo irratti maryataniiru.

Obbo Buttaa Dafii wayituma kana akka jedhanitti, tokkummaa fi qindoominni uummata Oromoo dhimma murteessaa dha.

Tokkummaa fi qabsoo Oromoo jabeessuu keessatti hanqinni hooggantootaa siyaasaa fi eliitii Oromoo bira jiraachuus himaniiru.

Obbo Kiniinii Jegenoo gama isaaniitiin jalqaba Oromoon waan barbaadu adda baasee beekuu qabaa jedhu.

Uummanni Oromoo waan barbaadu adda erga baasee dhimma sana irratti tokkummaan hojjachuu akka qabu himan. Qe'ee keenya irratti abbaa ta'uu qabnas jedhan.

Mootummaan dantaa Oromoo tuquu hin qabus jedhan.

Doktar Jamaal Hebanoo immoo sirni siyaasaa hundeen jijjiiramuu akka qabu dubbatan.

Sirni siyaasaa hundeen hanga hin jijjiiramnetti rakkoo uummata Oromoo furuun akka ulfaatu ibsan.

Sirna siyaasaa sana hundeen jijjiiruuf Oromoon maryachuu akka qabu hubachiisan.

Qaama biraa bira otoo hin deemne Oromoon walii isaatiin gadi taa'ee bilcheessee maryachuu akka qabu hubachiisan.

Sagantaa Dirree Waloo kan mariisisan Doktar Sulxaan Abdaa immoo saba kanaaf quuqama qabaachuu qabnaa jedhu.

Mootummaan amma jiru sabboonuma Oromoo ukkaamsaa akka jiru eeraniiru.

Miirga sabootaa fi sablammootaa tuquu fi heera kabajuu dhabuun rakkoo hammeessuu dubbatan.

Piroofeesar Takla'aab Shibbiruu gama isaaniitiin sabboonumma Oromoo dhiibaa biyya ijaaruun akka ulfaatu dubbatan.

Itoophiyaan har'allee Oromoo dhiibaa jirti kan jedhan Piroofeesar Takla'aab, gaaffiin Oromoo hin deebine jedhu.

Uummanni Oromoo tokkummaa isaa jabeessee qe'ee isaa irratti abbaa ta'uun dhimma akkaan murteessaa akka ta'e hayyoonni kunneen ibsaniiru.

Maddi OMN.


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte