Yaman godaantota Itiyoophiyaa 180 ta'an karaa seeraan alaatiin qarqara galaanaa Shabuwaa seenuu beeysifte.
Published Dec. 23, 2025, 3:16 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lakkoofsi godaantota seeraan ala gara Yaman seenan yero gara yerootti dabalaa jiraachuu Ministeerri Biyya Keessaa Yaman beeysisera.
kanaanis godaantonni Itiyoophiyaa 180 kibba baha biyyattii qarqara galaanaa Shabuwa seenuu ibse.
Ministeerichi ibsa dilbata kaleessa baaseen, poolisiin naannoo galaana Shabwaatti godaantota lammiilee Itiyoophiyaa 180 kan bidiruu kontirobaandii lammiilee Somaaliyaa afuriin durfamuun gaanfa Afrikaa irraa fe’aman qarqaraa galanaa shabawaa gahu ibsera.
Qaamoleen nageennaa naannoo Shabwaa imala godaantotaa to’achuufi seensa seeraan alaa ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhataa akka jiran ibsichi eerera.
Akka ragaan dhiheenya kan Dhaabbanni Godaantota addunyaa baase agarsiisutti baatii Sadaasa keessa godaantonni kuma 17fi 659 Yaman seenuuf akkasumas baatii Onkoloolessa keessallee godaantonni kuma 17 fi 685 yaman galuu hubbachiseera.
Akka Dhaabbanni hordoffii Godaantota Idil-addunyaa (IOM) ifoomsetti godaantonni kunneen dhibbeentaan 67 Jabuutii irraa kan dhufan yoo ta’u Somaaliyaa irra dhibbeentaa 31, Omaan irraa ammoo dhibbeentaa 2 kan ta’an buqqaa’anii biyyatti seenuu ibseera.
Yaman keessatti haalli nageennaafi rakkoon namoomaa hammaataa dhufus, godaantota Afrikaa kumaatamaan lakkaa’aman gara biyyoota Galoo Galaanaatti ce’uuf yaalaniif karaa qaxxaamuraa guddaa taatee tajaajiluu itti fuftee jirti.
Hedduun isaanii harka kontirobaandistootaatiin rakkina hamaafi gidiraafi saaxilamaa jiraachuu Shinuwaan gabaseera.
Similar posts:
GABAASA TORBAN KANAA
Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan