Godina Salaalee aanaa Dharraatti hawaasni rakkoo hanqina bu'uraalee misoomaa fi dhaabbilee tajaajila hawaasummaatiin dararaa argu hime.
Published Dec. 24, 2025, 2:20 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti murni murni mootummaa pp qonnaan bultoonni konkolaataa tiraakterii bitachuu qaba maqaa jedhuun doorsisni jabaachuun ifoome
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti murni faashistii Bilxiginnaa qonnaan bultoonni aanichaa martinuu konkolaataa tiraakterii bitachuu baannaan hojii qonnaa irratti akka hin hirmaanneef kaadiroota isaaniitiin akeekkachiisni itti gadi buufamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo itti qaala'insi jireenyaa jabaachuun qonnaan bulaan sangoota ittiin qonna qotan bitachuun itti ulfaatee jirutti murni padiin jireenya uummataaf yaaduu irra sadoo dhuunfaa isaanii fi bu'aa siyaasaa argamsiisuuf dhama'an ajandaa ittiin guyyuu qe'ee sabichaa goolu gadi buusuun uummata yaaddeessuu aadeeffatan kunneen daranuu uummanni hojii qonnaa irraa akka abdii kutatuufis shira xaxaa jiru jechuunis jiraattonni cnichaa miira gaddaan dubbatu.
Qonnaan bultoonni aanichaa sodaa guyyuu loltoonni faashistii Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO'n qe'ee isaanii keessa deemuun nageenya sabichaa booreessaa jiraniif hojiitti bahee hojjetachuun yeroo itti cimee jirutti ajandaan haaraan kun ammoo vaadamee badiisa sabichaaf akka gadi bu'es yaaddoo qaban ib satanii jiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Kibba Lixa Shaggar Aanaa Iluu keessattı waraannı sırna Bilxiginnaa fi kaadiroonni sirnichaa waliin qindoomuun dargaggoota dirqamaan gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga'ame
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu keessatti waraanni maafiyaa PP fi kaadiroonni sirna bututaa Bilxiginnaa, Muddee 22,2025 dargaggoota jumlaan ukkaamsuun gara mooraa waraanaatti guu guuraa turuu jiraattonni aanichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo uumame addeessanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanittı dargaggoota hedduu kanneen ammaaf maqaan isaanii guutuun nun qaqqabiin jiru, dirqamaan ukkaamsuun konkolaataa 2n fe'anii akka deeman kan himan yoo ta'u, dargaggoota mormii mul'isuuf yaalan ammoo reebicha hamaa ta'e erga irratti raawwatanii booda fuudhanii deemuu himu.
Dargaggoota abdii egeree Oromoo fi Oromiyaa ta'an irratti addatti xiyyeeffachuun adamsuu, doorsisuu, ukkaamsuun achi buutee isaanii iyyaafataanillee akka hin argamne gochuu, gariin ammoo dirqamaan waan isaan hin feene gara adda waraanaatti erguun ilmaan haadha hiyeessaa ficcisiisaa, hedduus ammoo afaan qawweetiin ajjeesanii gataa turuu fi hammas gocha hammeenyummaa isaanii daran hamaa ta'een uummata rakkoof saaxilaa jiraachuun murna Bilxiginnaa haqa haalamuu hin
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Dinshoo fi gandoota aanichaa hedduu keessatti waraanni murna gabroomfataa PP maqaa gibiraan saamicha uummatarraan ga'aa jiraachuun ifoome
Godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Dinshoo fi gandoota aanichaa hedduu keessatti Muddee 20,2025 irraa kaasuun, maqaa gibiraan saamicha daangaa darbe uummata irraan ga'aa jiraachuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo isa mudatee himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, "maqaa gibiraa da'eeffachuun rakkoon nurra ga'aa jiru salphaa miti, gabaa deemneellee waan feene bitannee, akkasumas gurgurannee akka hin galleef karra seensa gabaa irratti waraanni sirna Bilxiginnaa, nu saamaa jira, kanaan durallee saamichi maqaalee akka gibiraa, Inshuraansii fayyaa fi kanneen biroon nurra ga'aa ture salphaa miti"jechuun milira gaddaan guutameen jiraattonni dabaluun dubbatu.
Ergamtoonni impaayera bututaa suphuuf halkanii fi quyraa boqonnaa malee ifaajan, garaa isaanii qofaaf jiraachun ummata keessaa dhalatan afaan qawween saamaa, hidhuun cararaa, ukkaamsuun gara mooraa waraanaa impaayerattiitti gudraa.fi gariin ammoo ajjeesuun bakka balfaatti gataa turuu isaanil irra deddeebiidhaan isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Salaalee aanaa Dharraatti hawaasni rakkoo hanqina bu'uraalee misoomaa fi dhaabbilee tajaajila hawaasummaatiin dararaa argu hime.
Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, rakkoo hanqina misooma bu'uuraa fi dhaabbilee tajaajila hawaaaummaa baroota dheeraa lakkoofsisetu harkaa nu qabaa jedhan.
Kana irratti haleellaan humnoota finxaaleyyii Faannoos rakkoo hamaa ta'uu dubbatan.
Gandoota aanichaa 36 keessaa waggoota jahan darban manneen barnootaa cufamanii akka jiran himaniiru.
Rakkoo nageenyaa humnoonni finxaaleyyii Faannoo uumaniin gandoonni baadiyyaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu eeranii, waggoota 6 darban daa'imman gandoota baadiyyaatii barnootaan ala akka jiran dubbataniiru.
Kun dhaloota abdii egeree biyya ta'an dukkana keessatti hambisaa akka jiru himaniiru.
Kana malees gandoonni baadiyyaa hedduun rakkoo daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu fi dhaabbata fayyaa qabaachuu himanii, haalli aanaan Dharraa itti jiru garmalee yaaddessaa ta'uu ibsaniiru.
Gama tokkoon haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannootiin uummanni nagaa dhabuu kan dubbatan namoonni yaada kennan, hojiin misooma bu'uuraa fi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa guutuutti dhaabbatee uummanni rakkoo guddaaf saaxilamuu dubbataniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa aanichaaf xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qabus gaafataniiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Bulchiinsi yeroo Tigraay dargaggoota Itoophiyaa fi Eertiraa lammiilee naannoo Tigraayitti beelaaf saaxilaman gargaaruuf socho'an jedhe galateeffate.
Gidduu kana buufata lammiilee qe'ee isaanii irraa buqqa'anii naannoo Tigraayitti argamutti beela mudate viidiyoon agarsiisu bahee jira.
Lammiilee kanneeniif warra birmachuuf yaalan “keessattuu dargaggoonni Itoophiyaa fi Eertiraa biyya keessaa fi ala jirtan lubbuu baraaruuf tattaaffii taasiftaniif galatoomaa” jedhan pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay jeneraal Taaddasaa Warradaa.
Viidiyoon bahe sun kan buufata buqqaatonni keessa qubatan tokkoo ta'uu eeranii, buufataaleen akkasii 145 rakkoo walfakkaataa keessa jiraachuu himan.
Mootummaan federaalaa fi naannolees akka birmatan gaafataniiru.
Mootummaan federaalaa nageenya lammiilee kanneenii mirkaneessee gara qe'ee isaaniitti deebisuuf xiyyeeffannaa kennee akka hojjachuu qabus himaniiru.
Mootummaan federaalaa gama isaatiin Addi Bilisummaa Uummataa Tigraay lammiileen kunneen gara qe'ee isaaniitti akka hin deebine galtee siyaasaaf gufachiisaa jiraachuu hima.
ABUT buqqaatota qe'ee isaaniitti deebi'an waliin deebi'ee caasaa bulchiinsa naannichaa qabachuuf fedha, kanaaf hanga isaan waliin deebi'utti jedhee adeemsa lammiilee deebisuu gufachiisa jedhee mootummaan federaalaa himata.
Naannawaan sun immoo bakka naannoleen lameen irratti waldhaban waan ta'eef dhawataan furmaata argata, garuu ammoo lammiileen buqqa'an deebi'uu qabuu jedha.
ABUT immoo bakkoonni sun qaamolee duraan uummaticha buqqaasaniin qabamee uummanni buqqa'e deebi'uuf rakkoo nageenyaa qaba jedha.
Nageenyi lammiilee bakka hin mirkanoofnetti akkamiin lammiileen deebi'uu jedhee komii isaa dhiheessa.
Bakkoonni kun waraana Kaaba Itoophiyaa dura Lixa Tigraay jala turan. Godina Lixa Tigraay jedhamuun beekama.
Naannoon Amaaraa immoo naannoon Tigraay olaantummaa isaa waggoota 27f tureen nurraa fudhate malee bakki sun kooti jedha.
Waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee naannoon Amaaraa qabatee Godina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa jedhee itti moggaasee bulchiinsa ijaarrate.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Ogganaan Waraana Liibiyaa caccabaa Xayyaaraa keessatti du'ee argame.
Hogganaan waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmed Al-Haddad fi namoonni afur Kiibxata halkan Turkiyaatti balaa xiyyaaraa muudateen du’uu isaanii Ministirri Muummee Abdulhamid Dbeiba mirkaneessaniiru.
To’attoonni tiraafikaa qilleensaa Turkiyaa Jila Liibiyaa Ankaaraa daawwachuun gara biyyaatti deebi’aa jiru waliin qunnamtii dhabuu isaanii qondaaltonni Liibiyaa himan.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Turkiyaa Yasar Guler miseensota jila kanaa waliin ta’uun hogganaa waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmad al-Haddad waliin Ankaaraatti mari’ataniiru.
Muummichi ministeera Liibiyaa Abdulhamid Dbeiba akka mirkaneessanitti hogganaan waraana Liibiyaa Mohaammad Alii Ahmed Al-Haddad fi namoonni afur Kiibxata halkan Turkiyaatti balaa xiyyaaraa muudateen du’uu isaanii mirkaneessaniiru.
Muummichi ministeeraa ibsa Feesbuukii irratti kennaniin, “balaan gaddisiisaa” kun kan muudate yeroo jilli Liibiyaa “daawwannaa ofiisaa Ankaaraa irraa deebi’aa jiruutti” jechuun Liibiyaadhaaf “kasaaraa guddaa” jedhan.
Qondaaltonni Liibiyaa akka jedhanitti, rakkoo teeknikaa muudateen gara walakkaa sa’aatiif qunnamtiin balalii xiyyaara waliin ture guutumaan guutuutti dhabameera jedha gabaasni AP24.
Al-Haddad ajajaa waraanaa ol'aanaa lixa Liibiyaa ture. Dhaabbilee waraanaa biyyattii gadi fageennaan qoqqoodamanii jiran tokkoomsuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii tattaaffii itti fufee jiru keessatti nama gahee ol'aanaa taphateera.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Oduu, itti aansuun ,Sochii humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoon Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti taasisaa jiruu fi miidhaa ummata irraan ga’aa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii jiraataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Horroo Bulluq kan ta’an Obbo Lataa Badhaasaa waliin goonetu dhihaata. Guutummaan sagantaa keenyaas kanuma ta’a. jalqabaa haga dhumaatii nu faana turaa jechaa gara oduuttiin isin dabarsa.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise