Manni Maree Nageennaa UN aangoo 'AUSSOM' waggaa tokkoof dheeresse.

Published Dec. 25, 2025, 12:34 p.m. by FNN Staff

414



ODUU FNN

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii aangoo ergama tasgabbii Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) hanga xummura bara dhufutti akka dheeratu sagalee guutuun murteesse. 

AUSSOM ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti argamu yoo ta’u, ce'umsa nageennaa Somaaliyaa deeggaruuf, biyyattii tasgabbeessuuf, akkasumas Al-Shabaab irratti qabsaa’uuf kan hundeeffame. 

Dabalataanis, Manni Maricha Ergamni Gargaarsa Ce’umsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa (UNTMIS) Onkoloolessa bara 2026 hojii isaa akka xummuru murteesseera 

UNTMIS dhaabbilee Somaaliyaatiif deeggarsa siyaasaa fi teeknikaa kennuuf kan hundeeffame yoo ta’u, itti gaafatamummaa guutummaatti aangawoota Somaaliyaaf akka dabarfamuuf qophii taasifamu deeggara. 

Murteen kun nageenna Somaaliyaaf deeggarsa idil-addunyaa itti fufiinsa qabu kan mirkaneessu yoo ta’u, ce’umsa biyyattiifi tasgabbii naannoo kan cimsuudha.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan