Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Somaalilaandiif walgahii ariifachiisaa waame
Published Dec. 28, 2025, 1:53 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu hordofee walgahii ariifachiisaa waame.
Manni Marichaas Wixata baruu walgahii ariifachiisaa taa'uun dhiimma Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu irratti ni mari'ata jedhamee eegama.
Kana kan ibsan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara Israa'el Daani Daanoon yoo ta'u, Israa'el ''marii siyaasaa irraa duubatti hin deebitus'' jedhan.
Ambaasaaddarichi, biyyi isaanii "biyyoota michuu ishee waliin tumsa cimsuu fi tasgabbii naannoo fiduuf itti gaafatamummaa fi iftoomina qabuun sochootu" ta'uu ibsan.
Israa'el Somaalilaandi kan Somaaliyaa irraa walabummaa labsite, biyya walabaa fi abbaa biyyummaa qabdu ta'uu ishee ifatti beekamtii kennite ishee jalqabaati.
Biyyoonni Arabaa hedduun fi Gamtaan dhaabbilee adda addaa Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee mormuun sagalee isaanii dhageessisaniiru.
Somaaliyaa, Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa dabalatee mormiin cimaan mudateera.
Masrii, Joordaan, Saawudi Arabiyaa, Kaataar Jibuutii, Kuweet, Iraan, fi Iraaq dabalatee biyyoonni hedduun akkasumas Naayijeeriyaa fi Paakistaan, ibsa waloo baasaniin Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee cimsanii mormaniiru.
Biyyoonni kunneen murtee Israa'el nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi guutuu addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu danda'u ilaalcha keessa galchuu ibsan
Ibsichi kun "Israa'el seera idil-addunyaa tuffachuu ishee agarsiisa" jedhan.
Ibsi waloo kun Chaartara Dhaabbata Biyyyoota Gamtoomanii fi seera idil-addunyaa kaasuun, abbaa biyyummaa fi walabumma naannoon mootummootaa akka eegamu gaafachuun murteen kun ''mul'ata babal'ina Israa'el'' jechuun qeeqeera.
Biyyoonni kunneen abbaa biyyummaa Somaaliyaaf deeggarsa qaban ibsuun murtee tokkummaa biyya gaanfa Afrikaa mormu kamuu mormuu isaanii ibsaniiru.
Akkasumas bu'aan gocha Israa'el kun hammaataa ta'uu dubbataniiru.
Biyyoonni kunneen Ibsi isaanii qabxii shanii keessatti itti dabaluudhaan "yaalii ummata Falasxiin humnaan lafa isaanii irraa buqqisuuf godhamu kamiyyuu cimsanii mormu" jedheera.
Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee hordofee biyyoonni hedduun ibsa waloo kennuun isaanii kun kan jalqabaa miti.
Alaabaa Gamtaa AwurooppaaMadda suuraa,Getty Images
Gamtaan Awurooppaas, abbaa biyyummaa fi walabummaa naannoo Somaaliyaa kabajuun barbaachisaa ta'uu ibseera.
Ibsa gabaabaa dubbi himaan gamtichaa baaseen, gamtaan kun, heera mootummaa Somaaliyaa, Gamtaa Afrikaa, fi chaartaroota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti hundaa'uun, abbaa biyyummaa Somaaliyaa kabajamuu qaba jedhe.
Murteen Israa'el nagaa fi tasgabbii guutuu Gaanfa Afrikaatti kan murteessaadhas jechuun ibse.
Gamtaan Awurooppaa waldhabdee yeroo dheeraaf Somaallandi fi mootummaa Somaaliyaa gidduu ture furuuf marii bu'a qabeessa ta'e akka taasifamuuf deeggarsa akka qabu ibseera.
Somaaliilaand erga Somaaliyaa irraa adda of baaftee ofiin of bulchuu jalqabdee waggoonni 35 darbaniiru.
Biyyattiin hawwaasni idil-addunyaa beekkamtii biyyummaa Somaaliilaandiif akka kennaniif, Itoophiyaa dabalatee biyyoota 130 tahaniif xalayaa barreessuun gaafata turteetti
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise