Poolaandi haleellaa xiyyaaraa Raashiyaan booda tajaajila buufata xiyyaaraa lama addaan kutte.

Published Dec. 28, 2025, 2:22 p.m. by FNN Staff

400



ODUU FNN

Poolaandi haleellaa xiyyaaraa guddaa Raashiyaan biyya ollaa Yukireen irratti raawwatte hordofuun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa lama kibba baha biyyattii keessatti sa’aatii hedduudhaaf cuftee jirti.

Ejensiin To’annoo Naannoo Qilleensaa Poolaandi buufata xiyyaaraa Rzeszow fi Lublin, naannoo daangaa Yukireenitti argaman, xiyyaaronni waraanaa gufuu malee akka socho’an gochuuf cufamuu isaanii mirkaneesse.

Ajajni Hojii Raayyaa Ittisa Biyyaa Poolaandi akka jedhetti, haleellaa diroonii fi misaa’ela Raashiyaan raawwatte hordofuun xiyyaaronni waraanaa Poolaandi fi NATO naannoo qilleensa biyyattii eeguuf naannoo qilleensaa biyyattii sakatta’aa turan.

Tarkaanfiin of eeggannoo haleellaa kana booda fudhatame kun sa'aatii hedduu kan fudhate yoo ta'u, amma buufataaleen xiyyaaraa lamaan hojii isaanii eegalaniiru.

Angawoonni Poolaandi sarbamni naannoo qilleensaa Poolaandi akka hin jirre himaniiru.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame erga Raashiyaan kaleessaa magaalaa guddoo Yukireen Kiyeev fi naannoo isii irratti haleellaa ''guddaa'' kan raawwatte yoo ta'u, diroonii gara 500 fi misaa'ela 40 fayyadamuun.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame