Godina shawaa lixaatti humnoonni mootummaa barsiisota lama ajjeeesuun barame.

Published Dec. 29, 2025, 3:20 p.m. by FNN Staff

334



ODUU FNN

Godina shawaa lixaatti humnoonni mootummaa barsiisota lama ajjeeesuun barame.

B/saa Lammii Naccoo fi obbo Joonsee Daanyee kanneen jedhamaan bara dheeraaf dararaa sirnoota dhufaa darbaatiin manneen hidhaa adda addaatti dararamaa turuu kan himan maddeen, jijjiirama boodallee hidhata WBO waliin qabdu jedhamuun dararaan isaan irra gahaa ture hamaa akka ture ibsanii jiru.

Guyyaa dheengaddaa  muddee 28/2025 loltoota mootummaatiin aanaa Gindabarat ganda Qarree Sonkoor jedhamutti hidhattoota mootummaatiin kan ajjeeffaman yoo ta'u, obbo Joonsee  Daanyee mucaa keetu WBOti jechuun akka ajjeesaan maddeen ifoomsanii jiru.

Mootummaan PP namoota nagaa ajjeesanii hidhattoota birootti quba qabuun hojii isaaniiti kan jedhan jiraattonni maddeeniif yaada kennaan kunneen ,Uummanni Oromoo dammaqee du'a irraa of baraaruun dirqama akka ta'es dhaammatanii jiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooniilee waraanaa gara keessatti diina du'aa fi madoon adabee, meeshaalee waraanaa hedduus dugda diinaa irraa hiikkachuu beeksise

Cichitoonni kaayyoo haqaa, abdiin saba gabroomee gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo diina uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf maqaa sakattaa WBO da'eeffachuun guutuu Oromiyaa keessatti  Koloneel Abiy Ahimed irraa ergama dabaa fudhachuun baay'inaan bobbaafaman zooniilee waraanaa cufa keessatti du'aa fi madoon adabee injifannoo dachaan galmeessaa jira.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti kaleessa  Muddee 26,2025  ganama sa'aa 3:00 irraa eegaluun lola jajjabeen WBO ergamtoota Abiy Ahimed maqaa sakattaa WBO jedhuun baate irratti bakkoota akka Kataarii, Tammaanoo, Dhaddachoo, Hagamsaa fi Moommajjii jedhamanitti  taasiseen humna diinaa irraa battalatti 6 ol ajjeesuun,10 ol kan taatu madoo dandammii hin qabneen adabee meeshaalee waraanaa adda addaas irraa dhuunfateera.

Tarkaanfii diinaaf yaaddoo, firaaf abdii ta'e jajjabee WBO'n aanaa Baatee bakkeewwan olitti eeraman irratti fudhatee du'aa fi madoon adabe kanaanis, gama meeshaatiin rasaasa PKM 400, jorooroo 1, uffata waraanaa fi qophii danuu irraa booji'eera.

Haleellaa jabaa WBO'n Zoonii Kaabaa aanichatti loltoota Faashistii Abiy Ahimed irratti fudhate kanaanis ergamtoonni sirnichaa warreen lubbuun hafte baaragdee faffaca'uun kaan qawwee fi hidhannoo ooyruu fi  qe'ee hawaasaa keessatti ofirraa harcaasanii huccuu jijjiirachuun gara mooraa isaaniitti deebi'uun ifoomeera.

Ittuma fufuun Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Lixaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Eeshoo bakka addaa Bajjii Baddeessaa jedhamutti gaafa Muddee 25 waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun du’aa fi madoon adabee qawwee AKM lamas  irraa hiikuun galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof taasisee jira.

WBO'n Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa sabbataa hawaas keessatti diina du'aaf madoon adabe.

Ittuma dabaluun gootichi abdii fi gaaddisni sabaa WBO'n Zoonii Harsadee Godina kibba Lixa Shaggar aanaa sabbataa hawaas magaalaa Awaashitti Mudde 25, 2025 galgaleessee itti seenuun hidhattoota maafiyaa pp guyyaa uummata saamuun mooraatti galtee qabeenya ilma hiyyeessaa nyaatturratti dursee haxxee hidhee itti seenuun dhukaasa tarkaanfii fudhateen diina du'aaf madoon adabee mooricha keessaa ari'ee baasee jira.

Tarkaanfii fudhatame kanaan hidhattoota maafiyaa pp 4 ajjeesuun 6 kan madeesse yoo ta'u, namoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan kan murni bilxiginnaa hidhattootaa fi kaabinootaan wal ta'uun yeroo dheeraaf dararaa turan hidhattoota ari'uun hidhamtoota mana hidhaa keessaa akka baases hogganaan WBO naannichaa ONM'f ifoomsaniiru.

Abdii fi waanteen Korommiiwwan sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo zooniilee waraanaa cufa keessatti tarkaanfii diina adabuu jabeessanii ittuma fufuun har'a Muddee 27,2025  WBO'n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo ganda Dirree Odaa iddoo addaa Waraaboo jedhamu keessatti loltoota Bilxiginnaa magaalaa Asakoo irraa bobba'uun gandicha keessatti uummata nagaa hiraarsaa jirtu haleeluun du'aa fi madoon adabee injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii fudhatame kanaan loltoota diinaa irraa 3 ajjeesee, 7 maddeessuun gandicha keessaa ari'ee baasee jira.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Humnoonni finxaaleyyii Faannoo tarkaanfii tibbana godina Wallagga Bahaatti poolisootaa fi milishoota Oromiyaatiin irratti fudhatameef haaloo bahuuf humna dabalataa Goojjamii gara aanaa Kiiramuu galchaa akka jiran dhagahame.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, halkan dahoo godhatanii laga Abbayyaa cehanii aanaa Kiiramuutti nam'aa akka turan himaniiru.

Humnoonni kun aanaa Kiiramuu ganda Baagin jedhamu qubatanii haleellaaf ofqopheessaa akka jiran jiraattonni dubbataniiru.

Bulchiinsi aanaa Kiiramuu immoo aantummaa Faannoof qaba jedhanii jiraattonni komatu.

Aanaa Kiiramuutti miseensonni maatii hooggantoota aanichaa hedduu hooggansa Faannoo ta'anii uummata buqqaasaa akka jiran jiraattonni ragaa waliin dubbatu.

Caasaan aanaa fi Faannoon bosona jiru waluma keessa jiru jedhu jiraattonni.

Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo laga Abbayyaa cehanii yeroo haaloo bahiinsaaf ganda Baagin iddoo addaa Ofcii jedhamutti walitti qabaman caasaan aanaa otuma beekuu callisee akka taa'aa jiru jiraattonni himaniiru.

Humna laga Abbaayyaa cehee dhufe irratti tarkaanfiin saffisaan yoo hin fudhatamne miidhaa guddaa uummata nagaa irraan gahuuf deema jedhan.

Kana malees caasaa hooggansaa aanaa Kiiramuu irrattis tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu jiraattonni mootummaa naannoo Oromiyaa gaafataniiru.

Eegumsi karaa humnoonni finxaaleyyiin cehanii dhufan irratti taasifamu jabaachuu akka qabus dhaamaniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Naannoo Beenishaangul Gumuuz Godina Matakkal keessatti dhiittaan mirga namoomaa, hidhaa fi ajjeechaan murtee seeraa malee raawwatamaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.

Akka Maddeen jedhanitti torbaan lamaan darbe keessa namoonni 2 Raayyaa Ittisa Biyyaatiin ajjeefamani jiru.

Gandoota baadiyaa keessatti ummanni qe'ee isaa irraa buqqaafamaa jiraachuu kan ibsan maddeen, qe'een isaanii ammoo ibiddaan gubamaa jiraachuus ibsan.

Namoonni 200 ol Aanota Buleen fi Wanbaraa irraa hidhaman mana hidhaa godinichaa Gilgal Bales jedhamutti hidhamani jiraachuus maddeen kn gabaasan yoo ta’u, Namoonni kun qabata WBO jedhuun hidhamuu isaani maddeen himani jiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Israa’eel Somaalilandiif beekamtii biyyummaa kennuun Masrii, Jabuutii, Turkii fi Somaaliyaa yoo mufachiiftu, Taateen beekamtii biyyummaa Somaalilandii Israa’eelii fi Ameerikaan deeggarame kun Itiyoophiyaaf carraa siyaasaa bal'aa gaafa Afrikaatti uuma.

Israa’eel michuu cimtuu Itiyoophiyaati, Itiyoophiyaa beekamtii biyyummaa Somaalilandii irraa faayidaa argatti jedhu xiinxaltoonni.

Gama biraatiin Masriin biyyoota Hulaa galaanaa qaban Ertiraa fi Jabuutii waliin walii galtee ijaarsa buufata doonii taasisuun Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa cimsuuf kan yaadde yoo tahu, Israa’eel ammoo Masrii fi Somaaliyaa irratti dhiibbaa taasisuu jalqabde.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Pireezidaantiin Iraan Masuud Peshmerga biyyi isaanii Ameerikaa, Israa’elii fi Awurooppaa waliin lola guutuu keessa jirti jedhan.

Peshmergaan kana kan dubbatan Netaaniyaahuun Doonaald Tiraamp waliin osoo wal hin argin dura, akkasumas waraanni guutuun ka’uu akka danda’u agarsiisaniiru.

Lolli Iraan Israa’el, Ameerikaa fi Awurooppaa waliin qabdu kan Iraan fi Iraaq bara 1980moota keessa taasisani caalaa hammaataa ta’a jedhaniiru.

Humnoonni kun nu balleessuu waan barbaadaniif lola guutuu keessa jirra jedhan, garuu hin hojjetu jedhan Ayaatollah Khamenei waliin ibsa kennaniin.

Akkasumas waraanni biyyoonni dhihaa Iraan waliin geggeessaa jiran waraana bara 1980-88 lubbuu namoota miliyoona 1 galaafate caalaa akka hammaatu akeekkachiisaniiru jechuun

Independent gabaaseera.

Warri Awurooppaa harka cimaa aadaa keenya, siyaasa keenna, jiraachuu keenya fi dinagdee keenya illee irratti fe’aa jiru, nuti garuu eennuufuu hin jilbeenfannu kan jedhan Pireezidaantichi, humnoota kana waliin waldhabdeen guddaan uumamuu akka danda’u yaada dhiheessan, kunis addunyaa irratti yaaddoo uumeera.

 

 

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise