Itiyoo -Telekoom kuufama tajaajila isaa adda baafaman irratti taariifa dabaluu beeksise

Published Dec. 30, 2025, 1:47 p.m. by FNN Staff

423



ODUU FNN

Dhaabbanni telekoomii mootummaa, Itiyoo-Telekoom, kuufama tajaajila isaa hedduu irratti gatii dabaluuf murteessuu beeksise. 

Dhaabbatichi murtee kana kan fudhate baasii hojiifi kaappitaalaa dabalaa dhufe, akkasumas dhiibbaa dinagdee maayikiroo bal’aa biyyattii keessa jiru akka sababaatti eeruun ta’uu ibseera.
Ibsa har’a baaseen, Itiyoo-Telekoom sirreeffamni taarifaa kun “xiqqaa” ta’uu hubachiisee, haalli dinagdee qormaataa keessa jiraachuufii,  baasiin dhaabbatichi tajaajila kennuufi bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf baasu dabaluu isaatiin walqabatee murtaa’uu isaa ibseera. 

Dhaabbatichi, fooyya’iinsi gatii kun itti fufiinsa tajaajila isaa eeguuf murteessaa ta’uu, akkasumas babal’ina telekoomiifi bu’uuraalee dijitaalaa akka biyyaatti itti fufee jiru deeggaruuf kan kaayyeffate ta’uus addeesseera.

Itiyoo Telekoom akka jedhetti, daballiin gatii paakeejii tajaajila tokko tokko irratti taasifamu dhiibbaa maamiltoota irratti akka hin uumnef, tarkaanfiiwwan of eeggannoo fudhateera. 
Tarkaanfiiwwan kunneen keessaa fayyadamtoota Telebirr’f “onnachiiftuu fooyya’aa” dabaluun kan eerame yoo ta’u, hir’inni bittaa kuufamaa dhibbeentaa 10 ture gara dhibbeentaa 20 'tti  akka guddate  ibsameera.

Dhaabbatichi dabalataan, gatiin kuufamaa tajaajilaa 38 kan yeroo baayyee itti fayyadamaman akka hin jijjiiramne ifatti ibseera. Akkasumas, kuufama fayyadamtoota galii gadi aanaa qabaniif qophaa’an  kanneen akka paakeejii birrii 1, birrii 2, birrii 5 fi kuufama sa’aatii tokkoo sirreeffama taarifaa haaraan keessa akka hin jirres mirkaneesseera. 

Kuufama addaa barattoota, barsiisotafi qaama miidhamtoota irratti xiyyeeffatanis saffisafi haala amma duraatiin akka itti fufan Itiyoo-Telekoom  ibsa isaa keessatti hubachiiseera. Kunis tajaajilli telekoomii hawaasa bal’aa hundaaf dhaqqabamaa akka ta’uuf tattaaffii dhaabbatichi taasisaa jiru kan agarsiisu ta’uu ibsameera.

Itiyoo-Telekoom daballiin gatii tajaajilaa kuufamaa kun,  kenniinsa tajaajilaa qulqullina qabu itti fufsiisuuf, akkasumas investimentii bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuuf barbaachisaa ta’uu ibsuun, murteen kun guutuu biyyattitti tajaajila dijitaalaa bal’inaan akka argamu taasisuuf bu’uura ta’a jechuun dhaabbatichi ibseera.

 


Similar posts:

UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.

Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!

Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.

Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate