Oromoon Walabummaa fi Bilisummaa isaa goonfachuuf Adda tokko jalatti walitti tokkoomuu qaba jedhan hayyoonni haala qabsoo Oromoo ilaalchisuun marii taasisan.

Published Dec. 30, 2025, 1:22 p.m. by FNN Staff

420



ODUU FNN

Oromoon Walabummaa fi Bilisummaa isaa goonfachuuf Adda tokko jalatti walitti tokkoomuu qaba jedhan hayyoonni haala qabsoo Oromoo ilaalchisuun marii taasisan.

Piroofeesar Asaffaa Jaallataa, Tsaggaayee Araarsaa (PHD) fi Injinar Jamaal Ganamoo marii OMN irratti Mata duree “Kaayyoo Qabsoo Oromoo Galmaan Gahuuf Maaltu Barbaachisa?” jedhuun adeemsisaniin Tokkummaadha jedhan.

Piroofeesar Asaffaa Jaallataa “ummanni Oromoo kaayyoo qabsoo isaa galmaan gahuuf adda tokko jalatti qindoomuu fi tokkoomuu qaba” jedhan.

Qabsoo Oromoo keessatti sabboontoonni Oromoo danuun kaayyoo Bilisummaa Oromootiif qabsaa'an karaa garagaraatiin qabsaa'uun akka qabsoon galma hin geenye taasisee jira kan jedhan Piroofeesar Asaffaa Jaallataa, qabsoo ummata kanaa galmaan gahuuf adda tokko jalatti tokkoomuun barbaachisaadha” jedhan.

Kana galmaan gahuuf ilaalcha xaliilaa, beekkumsa bilchaataa, jaarmaya nama hundumaa hammatee deemu barbaachisa jechuun akeekani jiru.

Haala amma jiruun dirqamni qabsoo Oromoo adda tokko jalatti gurmeessuu gateettii Waraana Bilisummaa Oromoo irra jira kan jedhan Piroofeesar Asaffaa Jaallataa, Waraanni Bilisummaa Oromoo marfama diinaa keessa waan hin jirreef kana gochuu danda'aa jedhan.

“Haa ta’u malee Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo Oromoo adda tokko jalatti luuccessuun akkasuma tooftaa fi beekkumsa cimaadhaan luucceessuun isa rakkisaa jira, WBOn galii qabsoo saba kanaa fiixxeen gahuuf namoota muraasa hammatee imaluu qofa osoo hin taane sagantaa isaa bal'isuun qabsaa'ota hammachuu fi mooraa qabsoo Oromoo adda tokko jalatti luucceessuu qaba” jechuun ibsani jiru.

Tsaggaayee Araarsaa (PHD) “tokkummaan saba tokkoo kaayyoo qulqulluu irratti hundaa'a” jedhan.

Galmi qabsoo, kaayyoo fi daandii qabsoon irra imaltutu saba tokko tokkoomsaa kan jedhan Tsaggaayee Araarsaa (PHD), ilaalcha tokko, hawwii fi fedhii tokko yoo qabaate tokkommaan saba tokkoo ijaaramee jedhamaa jedhan.

Ummanni tokko tokkoomee jira kan jedhame, kaayyoo fi sagantaa biyyaaleessaa yoo qabaateedha jechuun ibsan.

Hawwiin keenya yoo qoqqoodame galmi qabsoo keenyaas ni qoqqoodama kan jedhan hayyuun kun, qabsaa'onni Oromoo tokko Itoophiyaa diimookraatessa, tokko federaashiinii sabootaatiin biyyattii san ijaara jedha, tokko ammoo sirna durii deebisee dhaaba jedha, yaadonni hundi akkuma babal'ataa adeemuun tokkummaa ummataa diigaa deema jedhan.

Rakkoo kana furuuf qulqullinna kaayyoo irratti walii galuu fi lafa kaa'uun barbaachisaadha jedhan.

Tokkummaan Oromoo keessatti akka dhufuu yoo barbaanne jalqaba hawwii biyyaaleessaa Oromoo isa dhumaa irratti walii galuun barbaachisaadha, hooggansi siyaasaa Oromoo ammoo kallattii itti deemuu fi tooftaa qabsoo akkasuma yeroo galma gahiinsaa ifaa lafa kaawwachuu qaba jechuun ibsan.

 


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte