Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumitti hanqina bishaan dhugaatii qulqulluutiin hawwaasni rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Published Dec. 31, 2025, 3:13 p.m. by FNN Staff

235



ODUU FNN

Godina Harargee Lixaa aanaa Odaa Bultumitti hanqina bishaan dhugaatii qulqulluutiin hawwaasni rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

 

Jiraattonni yaada isaanii maddeeniif kennan akka jedhanitti araddaalee hedduutti uummanni rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamaa jiruu jedhan.

 

Araddaaleen Shunqoo, Aroorettii, Bosooso, Soddoomii fi Arbaarettii jedhamanii fi kanneen biroo rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsan.

 

Uummanni bishaan corroqa qulqullina hin qabne waraabee fayyadamuuf akka dirqames jiraattonni kunneen maddeeniif yaada kennaniin dubbataniiru.

 

Sababa Kanaan ummanni dhukkuboota daddarboo garaagaraaf saaxilamaa akka jiran dubbachuun, Rakkoo kana qaamni dhimmi ilaallatu akka furuufis gaafataniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee haleellaan hidhattoota Finxaaleyyii Faannoo itti hammaatutti caasaa mootummaa fi caasaa Faannootu walmakee nu fixaa jiraa jedhan jiraattonni.

 

Jiraatoonni maddeeniif yaadaa kennan akka jedhanitti, gariin caasaan mootummaa hoogganaa humna finxaalessa waliin hojjata, gariin ofii hooggansa mootummaa ta'ee muudamee maatiin isaa immoo Faannoo naannawaa sana socho'u hooggana, gariin immoo gaaf barbaade Faannoo hooggana yeroo fedhe immoo dhufee caasaa mootummaatti makamee uummata akka hoogganu taasifamaa jedhan jiraattonni kunneen.

 

Akka fakkeenyaattis yeroo dubbatan bulchaa aanaa Giddaa Ayyaanaa kan turanii dhiheenya aangoo irraa kan kaafaman obbo Hunanyaaw Darajjee obboleessi isaanii warra Faannoo Izzii Wallaggaa jedhamee gurmeeffame keessaa tokko jedhan.

 

Obbo Hunanyaaw bulchaa aanaa Giddaa Ayyaanaa irraa kaasanii amma immoo hoogganaa Waajjira biltsiginnaa aanaa Saasiggaa godhanii muudanii, achii hoogganaa jiru jedhan.

 

Kanaan wala qabatee rakkoon godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti uummamaa turee fi ammalle ittii jiru bal'aa dha jedhan jiraattonni.

 

 

Namni kun bara 2012 waraana Gimbot 7 qindeessee aanaa Kiiramuu galchuun lola kaase kan ture yoo ta’u, Isaan booda daldalaa waan tureef qabeenya qabu fayyadamuun Faannoo aanaa Kiiramuutti qindeessuu isaa himu.

 

bara 2015 irraa eegalee ammoo Milishaa aanaa Kiiramuu ta'ee caasaa aanaatiin caasaa mootummaa keessa akka galu taasifamuu dubbatan.

Erga waggoota sadiif milishaa aanaa Kiiramuu ta'ee ammoo amma deebi'ee Faannootti makamuu isaas dubbatanii jiru.

 

Hooggantoonni olaanoon aanaalee hedduun Faannoo waliin ifatti akka hojjatan otoo beekamuu mootummaan callisee ilaalaa akka jirus dubbataniiru.

 

Warri mootummaan milishaa jedhee leenjisee hidhachiisee gam tokkoon milishaa mootummaati jechaa dugda duubaan humna finxaalessa Faannoo waliin hojjataa kanneen jiranis heddu akka ta'an jiraattonni dubbatu.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Walloo Aanaa Baateetti humnoonni mootummaa namoota nagaa hidhaa f reebichaan dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

 

Caasaan mootummaa maqaa sakattaa WBO jedhu da'eeffachuun aanaa Baateetti baay’inaan bobbaafaman uummata nagaa irratti ajjeechaa dabalatee dhittaan mirgoota namoomaa kanneen akka reebichaa, hidhaa, saamicha qabeenyaa hawaasaa fi buqqaatin maqaa maatii qabsaa'otaati jedhuun hawaasa aanichaa irratti raawwatamu cimee itti fufuu jiraattonni dubbatan.

 

Bifuma kanaanis aanaa Baatee ganda Eelaa jedhamutti gaafa Muddee 28, 2025 galgala foltootni sirnichaa qe'en hawaasaatti halkan keessaa ol seenuun dargaggoota lakkoofsaan hedduu ta'an badii tokko malee kan ukkaamsan oggaa ta'u, dargaggoonni ukkaamfaman kunniin yakka hojatanii osoo hin taane maqaa qabata WBO waliin qabduutiin akka ta’eefi namoonni kunnenis qaama mootummaa kanneeniin garmalee reebamuu jiraattonni dubbatanii jiru.

 

Namoota dararriin irratti raawwatame keessas kan ammaaf maqaan un qaqqabe dargaggoo Hiddee Ibraahimi fi dargaggoo Suwaali Koohaa kanneen jedhaman akka ta’e jirattonni dubbtanii jiru.

 

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti waraanni murna PP uummata nagaa hidhuu fi saamuu itti fufanii jiraachuun beekame

 

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Gambeela jedhamu keessatti dheengadda Muddee 29,2025 waraanni PP qabeenya uummata saamuu fi uummata nagaa hidhuu itti fufanii jiraachuun jirattootni himan.

 

A Akka jiraattotni himanitti, waraanni PP gara ganda keenyaatti bobbaafamuun namoota maqaan isaanii

 

- Obbo Gamsiisaa Qerree jalaa loon torba jalaa ooffachuun isas uukkaansuun fuudhanii deemuun

 

Oromee Ayyaanaa ammoo ukkamsuun fuudhanii deemuun waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru

 

Aanicha gandoota garaagaraa keessatti waraanni PP irra deddeebiin gochawwan suukkanneessoo ilma namaaf hin malle qe'ee fi qabeenya isaanii irratti raawwachuun roorroo fi gidiraa hamaaf saaxiluun jabaatee itti fufaa jiraachuun ni beekama.

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Jarmanitti hattoonni diriiliin baankii uranii €30m saaman.

 

Jarmanitti saamtonni maashina diriilii guddaa fayyadamuun baankii Lixa Jarmanitti argamu tokko uranii maallaqa €30m ta'uufi miyoota gati jabeeyyii ta'an saamuu Poolisiin beeysise.

 

Dubbii himaan Poolisii yaada AFPf kenneen akki itti saamichi kun itti raawwate akka malee piroofeeshinaaliidha jedhe.

 

Saamichi kun magaalaa Gelsenkicheen jedhamu keessatti baankii qusannaa Sparkasse jedhamurratti raawwate.

 

Saamtotni kun saanduuqota qusannoo 3,000 ta'an cabsan. Saanduuqota kana keessa maallaqa dheedhii, warqee fi meeshaalee faayaatu ture.

 

Poolisiin waayee saamicha kanaa quba kan qabaate Wiixata ganama wayita akeekkachiifni balaa ibiddaa dhagaahamuttidha.

 

Ammatti saamicha kanaan walqabatee namni to'annoo jala oole hin jiru.

 

Saamtotnii callisa yeroo ayyaana gannoo dahatanii saamicha kana raawwatan jedha Poolisiin.

 

Namootni ijaan argan halkan Dilbatatti bari'u bakka konkolaataa dhaabaniin namoota baay'ee shaanxaa guddaa baatan arguu himaniiru.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.